Abstract:
Qorannoon kun Asoosamoota Isaayyaas Hordofaa Hawwiifi Yoomi Laataa? Gama sirnaan
(Ayidooloojiin) xiinxaluu irraatti kan xiyyeef ateedha. Gosti qorannoo kanaas gosa qorannoo
ibsaa yookaan qulqulleef ataa yoo ta’u odeef annoon argamaani mala akkamtaan xiinxalamanii
ibsamuun dhiyaataniiru. Iddattoon qorannichaas Asoosamoota Sirna (Ayidooloojii) garaa garaa
irraatti hundaa’uun barreef aman keessaa Asoosamoota Isaayyaas Hordofaa lameen Hawwiifi
Yoomi Laataa? Qofa irraatti kan daangef ameedha. Meeshaaleen funaansa ragaalee qorannicha
keessaatti dhimma itti bahames madda raga lammaf aa kan ta’e sakattaa’a dookumentii
(Harshammee) qofadha.Odeef annoon mala kanaan argamanis mataduree garaa garaatti
caccabuun mala akkamtaa fayyadamuun qaaccef amaniiru. Haaluma kanaan, xiinxala
adeemsifame kanaanis, argannoowwan: Sirnoonni gurguddoon Asoosamoota Hordofaa
Hawwiifi Yoomi Laataa? Keessaatti calaqqisaani Sirna (Ayidooloojii) Siyaasaa, Hawwaasummaa, Amantaafi diinagdeen isaan ijoo yommuu ta’an Sirnoonni (Ayidooloojoonni)
kunneen uummata Oromoo Amantaa isaa, Aadaafi duudhaa isaa, Afaan isaafi waliigala
eenyummaafi jiruuf jireenya isaa hunda akka itti dhabu taasisaa turuu; Sirnoonni
(Ayidooloojoonni) yeroo sana turaaniifi wantoonni uummata Oromoo irraatti dalagamaa ture
garaa garummaa guddaa qabaachuu yommuu ta’an, argannoowwan kanaafis yaboo waaraan
kan dhiyaatan yommuu ta’u, isaan keessaa ijoon, Rakkoo hamaan bara asana keessa
Leellistoota Sirna Nafxanyaan Uummaaa Orommoorraan gahaa ture har’as mataa dhokfatee
eddo garaa garaatti bifa jijjiirratee mul’ataa waan jiruuf, kana beekee dammaquun lagaan, qomoon, amantaan walqooduu dhiisee tokkummaa isaa jabeef achuun birmadummaasaa
mirkaneef