Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Garaagarummaa Loogaa Baratootaafi Barsiisotaa Haala Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa (9-10) Godina Wallaggaa Lixaa, Aanaa Haaruu Irratti Xiyyeeffachuun

Show simple item record

dc.contributor.author Margaa Amantee Teessoo
dc.contributor.author Tashoomaa Balaayinaa
dc.contributor.author Alamaayyoo Faqqadaa
dc.date.accessioned 2022-04-15T09:58:40Z
dc.date.available 2022-04-15T09:58:40Z
dc.date.issued 2021-01-01
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7133
dc.description.abstract Qorannoon kun kan inni ka’umsa godhate garaagarummaa loogaa baratootafi barsiisota gidduu jiru daree barnoota keessatti dhiibbaa inni qabu xiinxaluu dha. Haala itti fayyadaminsa loogaa kan barattootaafi barsiisotarratti rakkooleen jiran adda bahanii yoo qorataman barsiisonniifi barattootaaf hubannoo gahaa ni kenna jedhee waan itti amanameef qorataan qorannoo adeemsisee jira. Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa addaa addummaan loogaa hariiroo barataafi barsiisaa irratti qabu maal akka ta’e ibsuun furmaatasaa barbaaduudha. Qorannoo kun kan irratti xiyyeef atu barattoota kutaa salgaf aafi kurnaf aa, akkasumas barsiisota Afaan Oromoo mana barumsaa Sadarkaa lammaf aa (9-10) Aanaa Haaruuti. Qorannoo kanaaf malli iddattoo filatame iddatteessuu mit-carraadha. Haaluma kanaan barsiisota looga addaa addaa irraa dhufan 7 fi barattoota 241 irraa ragaan sassaabameera. Tooftaalee funaansa ragaleef oolan keessaa daawwannaa, bargaaf iifi afgaaf iitti gargaaramuun odeef annoon qorannoo kanaa akka sassaabamu ta’eera. Ragaaleen funaanaman mala qulqulleef ataafi safarataatti gargaaramuun jechaafi lakkoofsaan akka ibsaman ta’eera. Argannoo kana keessatti sababa addaa addummaa loogaan irraan kan ka’e daree barnootaa keessatti baratootnifi barsiisotni looga naannoo isaaniitti fayyadamuun odeef annoon qaama lamaan kana bira ga’u ciccitaa ta’urraan kan ka’e dafanii walhubachuurratti rakkoo akka uume hubatameera. Yaada furmaataa rakkoo kanaaf eerames addaa addummaan loogaa kun wayita uumamutti baratootnis ta’an barsiisonni daree barnootaa keessatti wal gaafatanii wal irraa barachuu akka qaban, akkasumas Yuunivarsiitonni Oromiyaa keessaa looga hawaasa Oromoo Godinaalee garaa garaa keessatti dubbataman bakka tokkotti walitti fiduun loogni waalta’e jiraachuu akka qabu akkasumas, manneen barnootaa keessatti loogni hawaasa naannoo qoratamuun barsiisonniifi barattoonni manneen barnootaa keessatti dubbisanii akka hubannoo isaanii guddifatan ta’ee osoo ta’ee gaariidha en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Garaagarummaa Loogaa Baratootaafi Barsiisotaa Haala Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa (9-10) Godina Wallaggaa Lixaa, Aanaa Haaruu Irratti Xiyyeeffachuun en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account