Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Itti Fayyadama Caasaafi Hiika Makmaaksaafi Hibboo Oromoo Kitaaba Barataa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Dhaabaa Gabbisaa Teessoo
dc.contributor.author Eebbaa Tarreessaa
dc.contributor.author Alamaayyoo Faqqadaa
dc.date.accessioned 2022-04-15T11:38:56Z
dc.date.available 2022-04-15T11:38:56Z
dc.date.issued 2021-12
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7139
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala itti fayyadama caasaafi hiika makmaaksaafi hibboo Oromoo kitaaba barataa barnoota afaan Oromoo kutaa 10ffaa keessatti argamanu, caasaa jechootaa himootaafi hiika akkamiitiin barataa akka shaakalchiisu adda baasuu irratti xiyyeefata. Ka’umsi qorannoo kanaas, afoolli akkuma dandeettiwwan afaanii itti fayyadama caasaafi hiika irratti xiyyeeffannaa mataa isaa danda’e kennuu kan barbaadu, waan ta’eef, caasaalee sagalee,jechaa,himaafi hiika makmaaksaafi hibboon Oromoo kitaaba barataa kutaa 10nii keessa jiran adda baasuun ifoomee jira. Qorannoo kana milkeessuuf immoo mala qorannoo akkamtaatiin (qualitative research method)tiin hojiitti kan hiikamedha. Mala kana kan xiyyeeffateef immoo odeeffannoo barbaachisoo mata duree qoranoo kana waliin walsimatu kanneen akka xiinxala kitaaba barataafi afgaaffii barsiisotaa yaada hayyootaan gabbisuun qorannicha xiinxaluun yaadni furmaataas kaa’ameera. Bu’aaleen qorannichaan argaman caasaaleen, sagalee, jchootaa, himootaafi hiikkaa makmaaksaafi hibboo keessa jiran haala kamiin, iddoo akkam akkamiitti akka dhiyaatan adda baasuun hariiroofi garaagartummaa makmaaksaafi hibboon kutaa 10nii qaban xiinxaluun danda’ameera. Innis hariiroo isaan unka caasaa isaaniitiin qaban, irra deddeebii sagaleelee, jechootaa, gaalewwaniitiin, jalqaba, gidduufi dhuma himaatti yeedaloo uumanii argamaniiru; caasaalee himootaatiinis hima salphaa, hima dachaa,hima xaxamaafi dachaa xaxamaa kan qaban ta’uu xiinxala gaggeeffame irraa hubachuun danda’ameera. Akkasumas makmaaksaafi hibboon malleen dubbii da’eeffachuun hariiroo wal-deggersaafi waliif faallaatiin hiikkaan kan dhiyaatu ta’uun, hariiroo isaan qaban garabiroodha. Garaagartummaan isaanii afoola lamaaniifuu caasaa irrattis ta’e hiika irratti baayyinaafi ulfaatina madaala isaa eegeen akka dareen barnootaa dabalaa deemuun afoolli lamaan tokkoo tokkoo daree barnootaatiif sadarkaa daballii daree isaa eeggee osoo qopha’ee, jechuudhaan akka furmaatatti kaa’ameera. Dhumarratti kitaabbileen barnoota afaanii yeroo qophaa’an dhimmi barnootaa dhimma jireenya dhalootaa murteessuu waan ta’eef, xiyeeffannoo guddaatiin hayyoota Afaanii dandeettii cimaafi ga’umsa qaban kallattii ogummaa isaaniitiin, wal-dorgomanii qophii kitaaba barnootaa irratti osoo qooda fudhatanii jechuun qorataan akka furmaatatti dhiyeesseera. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala Itti Fayyadama Caasaafi Hiika Makmaaksaafi Hibboo Oromoo Kitaaba Barataa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account