Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala itti fayyadama afaanii asoosama gurraacha Abbaayyaa keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Muhammad Abdurahmaan Husein
dc.contributor.author Ashanaafii Balaay
dc.date.accessioned 2022-04-15T11:48:04Z
dc.date.available 2022-04-15T11:48:04Z
dc.date.issued 2022-05
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7140
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala kitaaba asoosama „Gurraacha Abbayyaa‟ jedhamu gama itti fayyada afaaniitiin maal akka faakkaatu xiinxaluurratti kan xiyyeeffateedha. Kanaaf, qoratichi kitaaba filatame kana akka madda odeeffannootti kan itti dhimma ba‟e yemmuu ta‟u, kitaabichas mala iddattoo miti carraa keessaa mala iddattoo kaayyeffataatti gargaaramuun kan filateedha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga‟uudhaafis, qoratichi mala qorannoo akkamtaafi yaaxinna bifiyyeetti gargaaramuun qorannoo isaa adeemsiseera. Sababni malli kun filatameefis, hojiin qaaccessa qorannoo kanaa lakkoofsaan osoo hintaane jechaan kan ibsaman waan ta‟eef. Kanuma bu‟uura godhachuudhaan, odeeffannoo qabatamaafi amansiisaa ta‟e tooftaa odeeffannoo funaanuu qaaccessa qabiyyee (document analysis) gargaaramuun ragaaleen qorannichaa funaannamaniiru.Haaluma kanaan, odeeffannoon kitaabicha sakatta‟uudhaan argame akkaataa walitti dhiyeenya isaaniitiin mata duree mata dureedhaan qoqqooduudhaan adeemsa mala qaaccessa qorannoo akkamtaatiin qaaccessuun dhiyaatee jira. Bifuma kanaan, bu‟aan qorannichaan argame akka mul‟isutti, Akkaataan itti fayyadama afaanii asoosama kana keessatti dhimma itti ba‟aman aadaa, duudhaa, cunqursaafi roorroo akkasumas haala jiruufi jireenya ummatoota gurraacha Gumuuz maal akka fakkaatu haala miiraa dubbistootaa keessatti fakkii uumuu danda‟uun dhiyaatee jira. Dhumarrattis, barreessitoonni asoosamaa dubbistoota isaanii biratti fudhatamummaa qabaachuuf, ogbarruu ummataa guddisuufi fedhii dubbistootaa harkisuuf itti fayyadama afaaniif xiyyeeffannoo osoo kennanii gaariidha jedheen amana. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala itti fayyadama afaanii asoosama gurraacha Abbaayyaa keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account