Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Ergaa Afwalaloo Sirba Tartarii Godina Arsii Aanaa Balee

Show simple item record

dc.contributor.author Tasfaayee Tujaaraa Waaqee
dc.contributor.author Tashoomaa Egeree
dc.contributor.author Margaa Abbabaa
dc.date.accessioned 2022-04-15T12:00:55Z
dc.date.available 2022-04-15T12:00:55Z
dc.date.issued 2021-01
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7142
dc.description.abstract Ka’umsi qorannoo kanaas, dhimmoota adda addaarraa kan ka’e sirni idileen sirba tartarii yeroo heerumaa akka duudhaatti raawwatamu yoo laafaa/xinnaachaa dhufu, afwalaloon sirba tartarii yeroo heerumaa safuu hawaasaa barsiisu dagatamaa deemuu isaati. Kaayyoon qorannichaa xiinxala ergaa afwalaloo sirba tartarii Godina Arsii Aanaa Balee xiinxaluu yemmuu ta’u, yaadxinni qorannoo kana keessatti dhimma itti bahames, yaadxina faayidaalessummaafi haalawaati. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf maddi ragaa qorannoo madda raga tokkoffaarra walitti qabameera. Malli iddattoo inni qorannoo kana keessatti dhimma bahes, mala iddatteessuu miti carraa jalaa akkayyoofi darabaa dabarsaatti kan dhimma bahamuun, odeefannoon afgaaffii, marii gareefi daawwannaatiin funaanamera. Haaluma kanaan, odeeffannoon malleen kanaan walitti qabaman mala qorannoo keessaa akkamtaa fayyadamuun mala qorannoo ibsaatiin kan xiinxalamedha. Ergaan afwalaloo sirba tartariis: seenaa ijoollummaa, jaalala, kaamettummaa ishee, tuffii, Yaaddoo, quuxoo akka hin barbaachifne, soddootii wajjin akkamitti akka jiraachuu qabdu, obsa akka barbaachisu, geega’oo gaarii akka filataniif, jajuu farda gosa fuudhuu, firooma, jajuu idaayyaa, beekumsa, cimina ishee, gaabbii, marartee haadhaa, marartee obboleessaa kan ibsan xiinxalamanii jiru. Yoomessi isaa immoo, ollaa warra intalaatti torban tokko dursee jalqabuun kan geggeeffamu yoo ta’u, guyyaa sirni gaa’elaa sun raawwatu garuu bal’inaan kan hinmul’anne akka ta’eefi yeroo/waqtii sirni gaa’elaa itti raawwatamus waqtii arfaasaa Biteetossafi Adoolessaa keessa akka ta’e qorannoo kanaan hubatameera. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsanitti, ergaan afwalaloo sirba tartarii yeroo heerumaa jiruufi jireenya hawaasa Oromoo keessatti ergaa kallattiifi alkallattiin ittiin dabarfachuuf tajaajiluufi yoomessi isaa warra intala heerumtuutti guyyaa jala bultiii irraa kaasee hanga gaafa cidhaatti sirbamuu isaati. Akkasumas, sadarkaan inni amma irra jiru kan durii irraa adda ta’uu isaa hubatamee jira. Dabalataan, yaboon qorannoo kanaas qorannicha kana keessatti hammatamee jira. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Afwalaloo Sirba Tartarii Godina Arsii Aanaa Balee en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account