Abstract:
Qorannoon kun xiinxala ergaa fi qabiyyee walaloo sirboota Oromoo bara 2019G.C keessatti
bahan irratti kan xiyyeef ateedha. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaas, ergaa isaan gama
siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdeetiin qabatee jiru kan xiinxalamuudha. Haaluma kanaan
qorannoon kun kan xiyyeef atu ergaa walaloo sirboota bara 2019 G.C keessatti bahan keessaa
kanneen filataman irratti kan xiyyeef atuudha. Kanarratti hundaa’uun walaloo sirboota
Galaanaa Gaaromsaa kan Albeema Baallii jedhu keessaa sirboota saddeetifi kanneen
qeenxeedhaan bahan ja’a ta’an waluamaa galatti walaloon sirboota kudha-afur qorannoo
kanaaf filatamaniiru. Qorannoon kun yaaxxina seenawaatti gargaaramuun barruun tokko yeroo
itti barreef ame keessatti waa’ee hawaasa barreef amef sanaa gama siyaasaa, hawaasummaafi
dinagdeetiin ibseeraa kan jedhe xiyyeef achuun kan xiinxaleedha Qorannoo kanaaf mala
qorannoo akkamtaa (qualitative method)tti fayyadamee jira. Madda raga ilaalchisuun ammoo
qorataan xiinxala ergaa walaloo sirboota hammayyaa bara 2019 G.C keessatti bahan keessaa
kanneen filataman madda godhachuun, mala iddatteessuu akkayyoo (purpasive sampling)
gargaaramuun akkaataa barbaachisuun raga walitti qabatee, meeshaa funaansa ragaa
qorannoo kanaa mala xiinxala barruu godhachuun ragaa funaaname kana kan xiinxaleedha. Qorannoo kanaan argannoon bira gahames, walaloon sirboota Oromoo qabiyyeewwan ergaa
siyaasaan: sabni Oromoo dhiibbaa siyaasaatiin dhiibamee seenaafi gootummaan isaa
dhokfamuun hacuucamee mootummaa abbaa irreetiin miidhamaa akka jiru yammuu ibsu, keessumaa qeerroofi qarreen lafee itti cabanii, dhiiga itti dhangalaasanii, lubbuu itti dhabanii
qabsaa’uun bilisummaa isaan fidan ammas harkaa fuudhamee garbummaa jalatti kufanii akka
jiraniifi ammas qeerroofi qarreen, akkasumallee sabni Oromoo qabsootti deebi’ee akka
falmatuuf hawaasa kan kakaasu; kana malees, sabni Oromoo biyya Itiyoophiyaa jedhamtu
ijaaruu fi tiksuu keessatti saba guddaa ta’ee osoo jiruu garuu seenaan kun duraa awwaalamaa
jiraaachuufi akka waan seenaa hin qabneetti ammas humnaan dhiitanii bulchuun saba kana kan
aarse akka ta’efi ammas qabsaa’ee akka ofirraa deebisuuf walaloo sirbaa kana keessatti ergaa
gama siyaasaan bira ga’ameera. Gama hawaasummaan sabni Oroomoo saba seenaa, safuu, gootummaa kan qabuufi kan seenaa, safuufi gootummaa isaa dhoksuu barbadu ammoo kan
tuf atu, kan itti aaru akka ta’e argannoo kanaan kan bira ga’ameefi gama dinagdeetiinis sabni
Oromoo dinagdee isaa fooyyessuufi ofdanada’ee jiraachuuf kan hojjetu, ofirra darbee kan nama
gargaaru ta’uu isaa, ergaa of keessatti qabatee akka jiru qorannoo kanaan kan bira ga’ame
yammuu ta’u, gara fuulduraattis walaloon sirbootaa waloodhaan barreef amu haala
uummatichaa sirnaan kan ibsu ta’uufi xiyyeef annoon qorannoon akka irratti hojjetamuuf karaa
kan saaquudha