Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Ergaafi Qabiyyee Walaloo Sirboota Oromoo: Kan Bara 2011 Hanga Walakkaa Bara 2012tti (2019)

Show simple item record

dc.contributor.author Iddoosaa Eebbisa
dc.contributor.author Tashoomaa Egeree
dc.contributor.author Alamituu Olii
dc.date.accessioned 2022-05-04T07:04:36Z
dc.date.available 2022-05-04T07:04:36Z
dc.date.issued 2021-02-01
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7239
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala ergaa fi qabiyyee walaloo sirboota Oromoo bara 2019G.C keessatti bahan irratti kan xiyyeef ateedha. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaas, ergaa isaan gama siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdeetiin qabatee jiru kan xiinxalamuudha. Haaluma kanaan qorannoon kun kan xiyyeef atu ergaa walaloo sirboota bara 2019 G.C keessatti bahan keessaa kanneen filataman irratti kan xiyyeef atuudha. Kanarratti hundaa’uun walaloo sirboota Galaanaa Gaaromsaa kan Albeema Baallii jedhu keessaa sirboota saddeetifi kanneen qeenxeedhaan bahan ja’a ta’an waluamaa galatti walaloon sirboota kudha-afur qorannoo kanaaf filatamaniiru. Qorannoon kun yaaxxina seenawaatti gargaaramuun barruun tokko yeroo itti barreef ame keessatti waa’ee hawaasa barreef amef sanaa gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeetiin ibseeraa kan jedhe xiyyeef achuun kan xiinxaleedha Qorannoo kanaaf mala qorannoo akkamtaa (qualitative method)tti fayyadamee jira. Madda raga ilaalchisuun ammoo qorataan xiinxala ergaa walaloo sirboota hammayyaa bara 2019 G.C keessatti bahan keessaa kanneen filataman madda godhachuun, mala iddatteessuu akkayyoo (purpasive sampling) gargaaramuun akkaataa barbaachisuun raga walitti qabatee, meeshaa funaansa ragaa qorannoo kanaa mala xiinxala barruu godhachuun ragaa funaaname kana kan xiinxaleedha. Qorannoo kanaan argannoon bira gahames, walaloon sirboota Oromoo qabiyyeewwan ergaa siyaasaan: sabni Oromoo dhiibbaa siyaasaatiin dhiibamee seenaafi gootummaan isaa dhokfamuun hacuucamee mootummaa abbaa irreetiin miidhamaa akka jiru yammuu ibsu, keessumaa qeerroofi qarreen lafee itti cabanii, dhiiga itti dhangalaasanii, lubbuu itti dhabanii qabsaa’uun bilisummaa isaan fidan ammas harkaa fuudhamee garbummaa jalatti kufanii akka jiraniifi ammas qeerroofi qarreen, akkasumallee sabni Oromoo qabsootti deebi’ee akka falmatuuf hawaasa kan kakaasu; kana malees, sabni Oromoo biyya Itiyoophiyaa jedhamtu ijaaruu fi tiksuu keessatti saba guddaa ta’ee osoo jiruu garuu seenaan kun duraa awwaalamaa jiraaachuufi akka waan seenaa hin qabneetti ammas humnaan dhiitanii bulchuun saba kana kan aarse akka ta’efi ammas qabsaa’ee akka ofirraa deebisuuf walaloo sirbaa kana keessatti ergaa gama siyaasaan bira ga’ameera. Gama hawaasummaan sabni Oroomoo saba seenaa, safuu, gootummaa kan qabuufi kan seenaa, safuufi gootummaa isaa dhoksuu barbadu ammoo kan tuf atu, kan itti aaru akka ta’e argannoo kanaan kan bira ga’ameefi gama dinagdeetiinis sabni Oromoo dinagdee isaa fooyyessuufi ofdanada’ee jiraachuuf kan hojjetu, ofirra darbee kan nama gargaaru ta’uu isaa, ergaa of keessatti qabatee akka jiru qorannoo kanaan kan bira ga’ame yammuu ta’u, gara fuulduraattis walaloon sirbootaa waloodhaan barreef amu haala uummatichaa sirnaan kan ibsu ta’uufi xiyyeef annoon qorannoon akka irratti hojjetamuuf karaa kan saaquudha en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Ergaafi Qabiyyee Walaloo Sirboota Oromoo: Kan Bara 2011 Hanga Walakkaa Bara 2012tti (2019) en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account