Abstract:
Fookloorii Oromoo ilaalchisee dudhaalee hawwaasichaa kanneen agarsiisan kabajnii ayyaana
garaagaraa qorannoon irratti adeemsifameera. Duudhaalee kabaja ayyaana uummata Oromoo
keessaa ayyaanni Masqalaa isa tokkodha. Qorattuunis; mata duree walaloo sirba Masqalaafi
yoomessa raawwii isaa haala Godina Horroo Guduruu Wallaggaa jedhu qorattee jirti.
Kaayyooleen qorannooshee Qabiyyeen walaloo sirba Masqalaa maaliirratti akka xiyyeefatu
qaaccessuu, Walaloon sirba Masqalaa akkamitti akka hurruubamu ibsuu,Yoomessa raawwii
ayyaana Masqalaa ibsuufi ayyaana Masqalaa kallattii amantiitin akkamitti akka hubatamu
agarsiisuudha. Irraawwatmni qorannoo kanaa walaloowwan sirba Masqalaa keessatti
tajaajilaniifi duudhaawwan biroo ayyaana Kanaan walqabatee Horrootti calaqqisudha. Maddi
ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa fi madda ragaa lammaffaan kan walitti
qabamedha. Maddi ragaa tokkoffaa, manguddoota, dargaggoofi shamarran yoo ta’an maddi
ragaa lammaffaa immoo qorannoowwaniifi kitaabilee mata duree kana wajjiin walitti dhiheenya
qaban kanneen irraa kan argamanidha. Malli qorattuun odeeffannoo argachuuf fayyadamte,
mala eeddattoo akkayyoofi mala iddattoo darbaa dabarsaati. Malleen Kanaan odeeffannon
odeefkeennitootaa irraa bifa lamaan funaanuuf filatte. Isaaniis: afgaaffiifi dawwannaadha.
Odeeffannoon argaman kanneen immoo meeshaa suursagalee waraabuufi suura kaasuun
funaaanamaniiru. Odeeffannoon sassaabame kunis mala qorannoo addeessaatiin
qaacceffameera. Walaloon sirba Masqalaa kun bari’uu birraa sababeeffachuun haa sirbamu
malee qabiyyee garagaraa irratti akka xiyyeeffatu hubatameera. Walaloon sirba Masqalaa
gosoota hurruubbaa mataasaa kan qabuufi saala lamaanu kan hirmaachisu ta’uun
hubatameera. Akkasumas, Walaloon sirba Masqalaa yoomessa mataasaa kan qabuufi Walaloon
sirba Masqalaa Uummata hundaa ta’us Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti Uumanni
Oromoo bari’uu birraa sababeeffachuun Uumaasaa kan itti galateeffatuufi aadaa hawaasa isaa
kan ittiin ibsatu ta’uun isaa hubatameera.