Jimma University Open access Institutional Repository

Qaaccessa Walaloo Sirba Masqalaafi Yoomessa Raawwiisaa: Haala Godina Horroo Guduruu Wallaggaa

Show simple item record

dc.contributor.author Masarat Fantaahun Limaneh
dc.contributor.author Alamaayyoo Faqqadaa
dc.contributor.author Mahaadii Huseen
dc.date.accessioned 2022-05-04T07:39:23Z
dc.date.available 2022-05-04T07:39:23Z
dc.date.issued 2021-09-04
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7241
dc.description.abstract Fookloorii Oromoo ilaalchisee dudhaalee hawwaasichaa kanneen agarsiisan kabajnii ayyaana garaagaraa qorannoon irratti adeemsifameera. Duudhaalee kabaja ayyaana uummata Oromoo keessaa ayyaanni Masqalaa isa tokkodha. Qorattuunis; mata duree walaloo sirba Masqalaafi yoomessa raawwii isaa haala Godina Horroo Guduruu Wallaggaa jedhu qorattee jirti. Kaayyooleen qorannooshee Qabiyyeen walaloo sirba Masqalaa maaliirratti akka xiyyeefatu qaaccessuu, Walaloon sirba Masqalaa akkamitti akka hurruubamu ibsuu,Yoomessa raawwii ayyaana Masqalaa ibsuufi ayyaana Masqalaa kallattii amantiitin akkamitti akka hubatamu agarsiisuudha. Irraawwatmni qorannoo kanaa walaloowwan sirba Masqalaa keessatti tajaajilaniifi duudhaawwan biroo ayyaana Kanaan walqabatee Horrootti calaqqisudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa fi madda ragaa lammaffaan kan walitti qabamedha. Maddi ragaa tokkoffaa, manguddoota, dargaggoofi shamarran yoo ta’an maddi ragaa lammaffaa immoo qorannoowwaniifi kitaabilee mata duree kana wajjiin walitti dhiheenya qaban kanneen irraa kan argamanidha. Malli qorattuun odeeffannoo argachuuf fayyadamte, mala eeddattoo akkayyoofi mala iddattoo darbaa dabarsaati. Malleen Kanaan odeeffannon odeefkeennitootaa irraa bifa lamaan funaanuuf filatte. Isaaniis: afgaaffiifi dawwannaadha. Odeeffannoon argaman kanneen immoo meeshaa suursagalee waraabuufi suura kaasuun funaaanamaniiru. Odeeffannoon sassaabame kunis mala qorannoo addeessaatiin qaacceffameera. Walaloon sirba Masqalaa kun bari’uu birraa sababeeffachuun haa sirbamu malee qabiyyee garagaraa irratti akka xiyyeeffatu hubatameera. Walaloon sirba Masqalaa gosoota hurruubbaa mataasaa kan qabuufi saala lamaanu kan hirmaachisu ta’uun hubatameera. Akkasumas, Walaloon sirba Masqalaa yoomessa mataasaa kan qabuufi Walaloon sirba Masqalaa Uummata hundaa ta’us Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti Uumanni Oromoo bari’uu birraa sababeeffachuun Uumaasaa kan itti galateeffatuufi aadaa hawaasa isaa kan ittiin ibsatu ta’uun isaa hubatameera. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Qaaccessa Walaloo Sirba Masqalaafi Yoomessa Raawwiisaa: Haala Godina Horroo Guduruu Wallaggaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account