Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Haala Dhihaannaa Caasluga Afaan Oromoo Kitaaba Barnootaa Kutaa 11ffaafi Hojiirra Oolmaa Kutaa Barnootaa Keessatti: Mana Barumsaa Qophaa’ina Giddaa Ayyaanaarratti Xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Taakkalaa Garbii
dc.contributor.author Tashoomaa Balaayinaa
dc.contributor.author Mahaadii Huseen
dc.date.accessioned 2022-05-04T07:48:31Z
dc.date.available 2022-05-04T07:48:31Z
dc.date.issued 2022-09-04
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7242
dc.description.abstract Qorannoon kun kan geggeef ame naannoo Oromiyaa, godina Wallagga-Bahaa, aanaa Giddaa Ayyaanaa, mana barumsaa Qophaa’ina Giddaa Ayyaanaatti. Kaayyoon qorannichaas haala dhihaannaa caasluga Afaan Oromoo kitaaba barnootaa kutaa 11f aafi hojiirra oolmaa kutaa barnootaa keessatti xiinxaluudha. Tooftaa ragaan ittiin funaaname keessaa tokko madaallii qabiyyee caasluga geggeessuunidha. Inni biroo odeef annoo afgaaf iin funaanuunidha. Afgaaf iin itti gaafatamaa muummeefi barsiisaa Afaan Oromoo kutaa kana barsiisu haala hojiirra oolmaa kutaa barnootaa keessatti maal akka fakkaatu irratti ragaa funaanuuf kan qophaa’edha. Akkasumas daawwannaa kutaa keessaa geggeessuudhaan ragaan barsiisaafi itti gaafatamaa muummeerraa walittii qabame (sassabame) mirkaneessuuf deemameera. Bu’aan qorannoo kana irraa argame boqonnaalee hunda keessatti kaayyoleen afaanii isaan xixiqqoo keessaa caaslugni dhibuu (boqonnaa 15, 16fi 17), boqonnaalee hunda keessatti caaslugni haala walmadaaluufi walitti fufiinsa qabuun qophaa’uu dhabuufi caasluga dhiyaateef ibsi gahaan dhibuudha. Kun immoo qopheessitoota kitaaba barnoota Afaan Oromoo irraa gumaachi guddaan kan eegamu ta’uu isaati. Kanaafuu, qopheessitoonni kitaaba barata Afaan Oromoofi sirna barnoota Afaan Oromoo qopheessan maalummaa caaslugaalee Afaan Oromoo bifa salphaatiin hubatamuu danda’aniin, qabsiisaafi fakkeenyaan deeggaaranii osoo dhiyeessaniiruu ta’ee ofiin barachuu barattootaa keessatti faayidaa olaanaa qaba. Qabiyyeewwan caaslugaalee Afaan Oromoo boqonnaalee adda addaa jalatti bibitinaa’anii dhiyaatan utuu boqonnaa murtaa’aa jalatti gurmaa’anii dhiyaataniiruu ta’ee haala salphaa ta’een barattoonni hubachuu waan danda’aniif galma ga’iinsa qabiyyee barnootichaatiif bu’aa guddaa kan qabuufi gilgaalonni caaslugaalee irratti hundaa’anii kitaaba barnootaa kana keessatti dhiyaatan osoo fakkeenya adda addatiin deeggaramanii dhiyaataniiruu ta’ee qabiyyichi hanqina tokko malee galma ga’uu nidanda en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Haala Dhihaannaa Caasluga Afaan Oromoo Kitaaba Barnootaa Kutaa 11ffaafi Hojiirra Oolmaa Kutaa Barnootaa Keessatti: Mana Barumsaa Qophaa’ina Giddaa Ayyaanaarratti Xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account