Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Walsimannaa Kenniinsa Madaalliifi Qabiyyee Barnoota Afaan Oromoo: Xiyyeeffannoo Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaafi Qophaa’inaa Kutaa 9-12.

Show simple item record

dc.contributor.author Abbiree Olaanii Waaqoo
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.contributor.author Mahaadii Useen
dc.date.accessioned 2022-05-04T07:54:09Z
dc.date.available 2022-05-04T07:54:09Z
dc.date.issued 2021-09-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7243
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa kenniinsi madaalli barsiisota mana barumsaa Giddaa Ayyaanaa sadarkaa lammaffaafi Qophaa’inaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 9-12 barsiisaniin bara 2011fi 2012 A.L.I. qophaa’ee barattootaaf dhiyaate hangam qabiyyee barnootaa daree sanaaf dhiyaate waliin akka walsimu xiinxaluudha.sababni mata dureen kun filatameefis yeroon koorsii waa’ee madaalliiafaalii jedu fudhachaa turetti yaada ayyotaafi ulaagaa madaallii yeroon ilaalu ;akkasumas haala qabatamaa hojii mana barumsichaa waliin walbira qabee akkan xiinxaluuf waan nakakaaseef mata duree kana filadheera.Galma ga’iinsa qorannichaatiifis, qabiyyeen kitaaba barataafi qabiyyeen qormaata barreeffamaa barsiisota mana barumsichaan qophaa’an xiinxalameera. Jamaan qorannichaa barsiisota mana barumsichaatti Afaan Oromoo barsiisan lakkoofsaan , mala iddatteessuu akkayyoon barsiisotni dhiiraa ja’a filatamaniiru. Meesha ragaa funaansa qorannichaa kanaaf tooftaa qoratichi sakatta’a dokumentii, afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannootti dhimma ba’eera. Ragaa meeshaa kanaan walitti qabame, mala qorannoo akkamtaafi ammamtaan (mala makaan) qaacceffamee ibsamee jira. Ragaa kanarraas kenniinsi madaallii akka mana barumsaa sadarkaa lammaffaafi qophaa’ina Giddaa Ayyaanaatti barsiisotaan bara 2011fi 2012 ALI. qophaa’e kan qabiyyee kitaaba barattootaa waliin walbira qabamee yoo ilaalame fakkeenyaaf barsiisoni irra caalaa kan seerluga madaalan yoo ta’u kitaabni barattootaa ammoo dandeettiiwwab bu’uuraa waan xiyyeeffatuuf kan walhinsimne ta’uu isaa hubatameera. Kanaan walqabatee, akka sababaatti kanneen barsiisotni kaasan keessa haala qophii qormaataarratti barsiisotni hubannoo ga’aa akka hinqabne, mijaayina dhabuu naannoo manneen barnootaafi bulchiinsi mana barumsaa hanga gaaffii qophaa’uu qabuu daangessee qajeelchuun isaan ijoo akka ta’an odeeffannoo argame irraa hubachuun danda’ameera. Haalonni olitti kaa’aman kun qormaatni barsiisotni qopheessan waan madaalliiin safaruu barbaade kan safaruu hindandeenye ta’uun hubatameera. Sababni isaas, qabiyyeen kitaaba barataa hedduun isaa kan madaalliif hindhiyaannedha. Kanaafuu amma sini barnootaafi addeemsi rakkisaa ta’e kun gedderamutti kun gedderamee haalli naannoo maanneen barnootaa mijatutti barsiisotni qooda fudhattoota ta’an amma danda’ametti akka walsimsiisanii qopheessan jechuun akka yada furmaataatti dhiyaatee jira. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Walsimannaa Kenniinsa Madaalliifi Qabiyyee Barnoota Afaan Oromoo: Xiyyeeffannoo Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaafi Qophaa’inaa Kutaa 9-12. en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account