Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Dandeettii Barreessuu Barsiisota Manneen Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa Aanaa Shabee Somboo Irratti Kan Xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Mohaammedkamaal Usmaaniin
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.contributor.author Tashoomaa Balaaynaa
dc.date.accessioned 2022-08-05T08:59:28Z
dc.date.available 2022-08-05T08:59:28Z
dc.date.issued 2014-01
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7540
dc.description.abstract Ka ayyoon qorannoo kanaa barsiisonni Afaan Oromoo manneen barnoota sadarkaa tokkoffaatti barsiisan ga’uumsa ogummaa barreessuu isaanitiin hanqina jiru adda baasuu ture.Kaayyoo ka na galmaan gahuuf malli qorannichi hordofe mala makaafi ibsaatti.Qorannoo kanaaf madda ragaalee ta’uudhan kan fayyadan barsiisota Afaan Oromoo barsiisan Mana Baruumsa Sad.1ffaa Sh abeefi Biiftuu yemmuu ta’an, iddattoon barsiisotaa kan filatame mala iddatteessuu mitcarraatin.Barsiisota Afaan Oromoo barsiisan manneen barnoota lamaan irraa 23 hunduma fudhachuun yummuu ta’u,mana baruumsa Shabee Sad.1ffaan kutaa(1-8),waliigala barsiisota 115 keessaa 19 barsiisota Afaan Oromooti.Manni baruumsa Biiftuu kutaa (1-4) waligala barsiisota 35 keessaa 4 Afaan Oromoo barsiisu.Meeshaalee funaansa ragaalee ta’uun kan fayyadan sakatta’a dokumantii,bar-gaaffii,daawwannaa yaadanno gabateefi af-gaaffii barsiisotaati.Sakatta’insi dokumantiifi bar-gaaffiin meeshaalee funaansa ragaa isaan ijoo ta’anii kan tajaajilan yemmuu ta’u,kan hafan lamaan (daawwannaafi af-gaaffiin barsiisotaa) akka deeggartuutti fayyadaniiru.Qabxiin xiyyeeffannoo funaansa ragaa barreeffamaa akaakuwwan dogongoraa bakka 5tti qoodamani (dogoggora qubee,dogoggora itti fayyadama sirna tuqaalee, dogoggora filannoo jechootaa, dogoggora haala ijaarsa keeyyataafi qindoomina yaada barreeffamaa) jedhaman jalatti dogoggora jiru tokko tookkoon qaacceffamuun hammamtaan kaa’uudhaan ibsi iiti laatamuun bu’aa isaa beekuun danda’ameera.Argannoon qorannoo kanaarraa argame akka mul’atutti,dogogorri qubeessuu (dheeressuufi gabaabsuu ,jabeessuufi laaffisuu jechootaa),sirna tuqaalee iddoo barbaachisaa ta’etti fayyadamuu dhabuu, qubguddeessa,ijaarsa keeyyataafi filannoo jechootaarrtti barsiisonni qaban jirachuu hubatamee jira.Kanamalees,barsiisonni ogummaa biraatin leenji’anii Afaan Oromoo barsiisan jiraachuutu bira gahame.Maddi hanqinaalee dandeettii barreessuutiif,barsiisonni seera barreeffamaa Afaan Oromoo sirritti hinbeekne ogummaa biraatin erga leenji’anii booda mana baruumsa sad.1ffaa keessatti qacaramuun Afaan Oromoo akka barsiisan ta’udha. Adeemsi kun sababa hanqina dandeettii barreessuu barsiisonni taasisanirratti sababa ta’uu mala kan jedhuufi wantoota dandeettii barreessuu gonfachuurratti dh iibbaa fidan dhabamsiisuudhaaf gahee qaban beekanii osoo hojiirra oolchanii gaariidha.Dhumarratti bu’aawwan argaman bu’uura godhachuudhan sababoonni hanqina isaanii erga tarreeffamanii booda yaadni furmaataa kaa’amuudhan qorannichi en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Dandeettii Barreessuu Barsiisota Manneen Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa Aanaa Shabee Somboo Irratti Kan Xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account