dc.description.abstract |
Ka
ayyoon qorannoo kanaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 9-12 keessatti qabiyyeen
caaslugaa walitti fufiinsaafi dagaagina olee qabaachuuf dhiisuu isaa xiinxalufi haanqina
mullatuuf yaada haayyooti walitti fufiinsaaf dagaagina olee qabiyyee caaslugaarratti kennan
irratti bu’ureffachuun yaada furmaataa kennu, akkasumas walitti fufiinsaaf dagaagina olee
boqonnaa gara boqonnaaf kutaa gara kutaatti qabaachu isaa adda baasudha. Qorataan gosa
qorannoo keessaa qorannoo akkamtaafi ammamtaa walitti fiduun qoranno makaatti dhimma
bahame jira.Akka madda odeeffannotti kitaaba barataa kutaa 9-12fi barattootaf barsiisota kutaa
barsiisanitti dhimma bahame jira madda odeeffannoo qorannoo kanaaf mala iddatteessuu
miticarraa keessaa akkayyoon filateera. Iddattoowwan kana irraas odeeffannoo funaannachuunf
meeshaa ragaalee sakatta’a dookimentii, bargaaffii baratootaaf afgaaffii barsiisotaatti dhimma
bahame jira. Odeeffannoo argame kanas mala hammamtaafi akkamtaa walitti fiduun mala
makoo ibsaan qaacceffame jira. Ragaa odeffannoon walitti qabame akka mullisutti dhihannaan
qabiyyee caaslugaa gama walitti fufiinsaf dagaagina olee qabiyyee caaslugaatiin qaawa akka
qabu agarsiisa. Akkasumas dhihannaan gilgaaloota qabiyyee caaslugaa walitti fufiinsa keessaa
da
gaagina olee boqonnaa gara boqonnaatti qabanifi kutaa gara kutaatti qaban haalaan laafaa
tahuu isaa hubatame jira.sababa kanaaaf dhihannaan gilgaalaa qabiyyee caaslugaa walitti
fufiisaaf dagaagina dhabuun adeemsa baruufbarsiisuu mijataa yookiin hawwataa akka hintaane
taasisuun isaa hubatamera. Akka qorannoo kanatti qaacceessa geggeefame kanarratti hundaa’u
n yaanni furmaataa qorannichaas:dhihannaan qabiyyee caaslugaa haala walitti fufiinsaaf
da
gaagina olee boqonnaa gara boqonaafi kutaa gara kutaatti qabuun qindaa’ani qophaa’u akka
qaban agarsiisa ,dhumarrattiis qaamni dhimmi dhihannaan kitaaba kanniin ilaallatu qoranno
ka
na bu’uura godhate foyyeessutti barsiisonni kutaa 9-12 barsiisan yaada furmaata qoranno
ka
natti fayyadamun haanqinna gama kannan isaan mudatuf ittiin furuu ni danda’u. |
en_US |