Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Dandeettii Dubbisuu Barsiisuu Hojiirra Oolchuu Barsiisotaa Daree Barnoota Afaan Oromootti: Godina Wallaggaa Lixaa Manneen Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Aanaa Begii

Show simple item record

dc.contributor.author Caalii Oliiqaa Aagaa
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.contributor.author Iristee Akkawaaq
dc.date.accessioned 2022-08-05T09:31:11Z
dc.date.available 2022-08-05T09:31:11Z
dc.date.issued 2014-12-21
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7544
dc.description.abstract Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa xiinxala dandeettii dubbisuu barsiisuu hojiirra oolchuu barsiisota da ree barnoota Afaan Oromoo keessatti: Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Begiitti manneen barnootaa mootummaa sadarkaa lammaffaa keessaa barsiisaa jiran kan jedhuudha. Kaayyoon qorannichaa tooftaa dandeettiin dubbisuu daree keessattii ittiin barsiifamuu qabu hojiirra oolchuu barsiisotaa Afaan Oromoo barsiisaa jiranii xiinxaludha. Qorannoo kana keessatti malli dhimma itti bahame mala makaati. Fi lannoon mana barnootaa mala iddatteessuu kaayyootiin, daree barnootaa iddatteessuu carraa salphaatiin, kan barattootaa mala iddatteessuu carraa yoo filataman, iddattoon barsiistotaa mala iddatteessuu kaayyootiin filatamaniiru. Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan funaannachuuf immoo meeshaalee odeeffannoon ittiin funaaname keessaa bargaaffifi daawwannaatti dhimma bahameera. Qaaccessa ragaa ilaalchisee, odeeffannoon jechaan ibsaman mala ibsaatiin ykn akkamtaan, kanneen lakkoofsaan ibsaman immoo mala ammamtaatiin bifa gabateetiin lakkoofsaafi dhibbeentaan qacceffamaniiru. Qaacceessa kana irraa kan hubatame barsiisonni baayyeen tooftaa dandeetttiin du bbisuu ittiin barsiifamu hojiirra oolchaa akka hinjirre, barattoonni muuxannoo dubbisuu bal’aa akka hinqabneefi xiyyeeffannoon barsiisonni dandeettii dubbisuu barsiisuuf kennaa jiran laafaa ta’uudha. Dhumarratti argannoo qorannicharraa argamerratti hundaa’uun yaadoleenfurmaataa kennamaniiru. Is aanis, barsiisonni hubannoo tooftaa dandeettiin dubbisuu ittiin barsiifamu qofa qabaachuun qofti bu’aa akka hunqabneefi tarsimolee dandeettiin kun ittiin barsiifamu hunda akkaataa mijahaa ta’een dh imma itti bahuun dandeetti kana akka barsiisanidha. Kana malees, barsiifata dandeettii dubbisuu barattootaa fooyyessuu barsiisonni gargaarsa barbaachisaa barattootaaf kennuu akka qabanidha. Barsiisotaaf leenjii hojii irraa kennuu, suppervayizeroonni hojii barsiisonni daree keessatti dalagan hordofuufi barsiisota jajjabeeffamuu qaban yeroo yeroon jajjabeessaafi deggersa gochaafi adeemuun gaariidha. Dabalataanis, dubbisuuf xiyyeeffannoo kennuu, barattoonni dandeettii dubbisuu isaanii akka cimsataniif fedhiin isaanii akka dabaluuf barsiisonni irratti osoo hojjetanii gaariidha kan jedhu akka yaada furmaataatti kaa’amaniiru. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Dandeettii Dubbisuu Barsiisuu Hojiirra Oolchuu Barsiisotaa Daree Barnoota Afaan Oromootti: Godina Wallaggaa Lixaa Manneen Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Aanaa Begii en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account