Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala dandeettii dhamjechoota hirkatoo afaan oromoo: barattoota kutaa 11ffaa mana barumsaa hurrumuu fi soonxaa sadarkaa 2ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Iteenesh shigux
dc.contributor.author Tashoomaa Balaayinaa
dc.contributor.author Taayyee Guddataa
dc.date.accessioned 2023-02-13T09:39:35Z
dc.date.available 2023-02-13T09:39:35Z
dc.date.issued 2014
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7650
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa,hanqina dandeettii dhamjechoota hirkatoo barnoota Afaan Oromoo barattoota kutaa 11ffaa keessatti argaman dandeettii isaanii fooyyeessuuf sakkata’uun adda baasuudha.Qorannichaaf ka’umsa kan ta’e barattoonni mana barumsaa Hurrumuu sadarkaa 2ffaa fi Sonxaa sadarkaa 2ffaa dandeettii dhamjechoota hirkatoo irratti qaban adda baasuun furmaata kaa’uufidha. Qorannoon kunis,mala makaatti gargaaramuun kan gaggeeffame yemmuu ta’u,Barattoonnifi barsiisonni kutaa 11ffaa barataniifi barsiisan akka iddattootti filatamaniiru.Barattoonni hirmaatan mala iddatteessu carraa ta’ee kan mana barumsaa Hurrumuu sadarkaa 2ffaa 102 fi Sonxaa sadarkaa 2ffaa 20 ida’ama 122 fi barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 10ffaa barsiisan kan mana barumsaa Hurrumuu 4 fi kan Sonxaa 1 ida’ama 5 mala iddattoo amargeetti fayyadamuun odeeffannoo walitti qabameera. Akkasumas, meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kana keessatti kannen akka: qormaata barattootaa,sakkata’a dookumantii fi af-gaaffii barsiisotaa irraa ragaaleen funaanaman lakkoofsaafi jechaan ibsameera. Argannoowwan qorannoo kana irraa argaman akka mul’isutti barattoonni dhamjechoota hirkatoo kanneen tajaajila caasluga adda addaa agarsiisanfi bakka argama isaanii irratti addaan baasanii beekuu irratti hanqina kan qaban ta’uu mul’ateera.Dabalataanis ragaan af-gaaffii barsiisota irraa argames,barattoonni fedhii dhabuu, akka waan beekaniitti of ilaaluufi kitaaba barataa keessatti dhamjechoonni hirkatoon akaakuu isaaniitiin yaadannoo fi fakkeenya ga’aa dhabuu fi kitaabileen wabii dhabamuu akka ta’e hubatamee jira. Walumaa galatti argannoo qorannoo kanaa irraa ka’uun barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan,Itti gaafatamaa Dippaartimentiifi waajjirri mana barumsaa waliin qindaa’uun hanqinaalee dandeettii barattootaa mudateef furmaata laachuun ga’ee isaanii osoo ba’atanii gaariidha. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala dandeettii dhamjechoota hirkatoo afaan oromoo: barattoota kutaa 11ffaa mana barumsaa hurrumuu fi soonxaa sadarkaa 2ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account