Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala ergaa asoosama Kitimaa ija yaaxina dhugummaatiin

Show simple item record

dc.contributor.author Jaallataa Shuunnaatiin
dc.contributor.author Alamituu Olii
dc.contributor.author Tashoomee Balaayinee
dc.date.accessioned 2023-02-14T06:43:37Z
dc.date.available 2023-02-14T06:43:37Z
dc.date.issued 2022-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7680
dc.description.abstract Qorannoon kun erga asoosama „Kitimaa‟ jedhamu kan Huseen Jamaal Saqaaqiitiin barreeffame bara 2012 maxxaanfamee ija yaaxxina dhugummaattiin xiinxaluun dha. Kaayyoo gooroo qorannichaa ergaa asoosama Kitimaa ija yaaxina dhugummaatiin xiinxaluu yoo ta‟u kaayyoo kana galmaan gahuufis qorataan mala sakatta‟a barruutti gargaaramuun odeeffannoo ragaalee qorannichaaf isa barbaachisan asoosamicha keessaa funaaneera. Odeeffannoowwa ragaalee funaanaman kunneenis kallaattii yaaxxinaa dhugummaatiin kan xiinxalaman yoo ta‟u, dhimmoonni hojiilee kalaqaa kanneen keessatti dhiyaatan dhugummaa gama siyaas-diinagdee, bulchiinsaa, aadaa, duudhaa, seenaa, afaan, diinagdee ilaalchisee, haala uummata Oromoo keessa ture karaa dhugummaa of-keessaa qabuun kan dhiyaatan ta'uun isaanii xiinxala geggeeffameen hubachuun danda'ameera. Argannoon qorannoo kanaa dhimmoonni jiruu fi jireenya hawaasaa kanneen akka aadaa fi afaan,(Oromoon sirnoota garagaraan darban keessaattii dhiibba irra gahaa tureen walqabatan haala ture ,haa ta‟u malee adaa fi dudhaan Oromoo jaalala, dhiifama, araara buusuu , walumaa galattii mirga saba kamiinuu eegee walqixxumaan kan waliin jiraachuu danda‟u akka ta‟e ifa baasee agarsiiseera. Dabalataan dhiibbaa fi hacuuccaan aadaa fi afaan isaa irraattii geggeefamaa tureen, haala Siyaasaa fi diingdee(Sirnootni darban keessumattii sirna mootummaa Dargii fi ADWI irraattii xiyyeeffachuun dhiibbaan siyaasaa kallaattii adda addaatiin hawaasa Oromoorraa gahaa turuu kan saaxilee fi Oromoonimmoo kallaattii garagaraatiin falmachaa akka turee fi aarsaa qaalii ittii kafalaa akka ture seenaadhaan yeroo hundumaa kan yaadatamu akka ta‟e agarsiisa. Bu‟aa qorannoo kanneenirratti hundaa‟ uunis yaboon barbaachisu kaa‟amee jira. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala ergaa asoosama Kitimaa ija yaaxina dhugummaatiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account