Jimma University Open access Institutional Repository

Qaacceessa qabiyyeefi yoomeessaa mammaaksoota Oromoo tokkummaa ibsan: Godina Jimmaa Aanaa Gommaa irratti kan xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Yohaannis Lachiisaa
dc.contributor.author Taayyee Guddataa
dc.contributor.author Tashoomaa Balaaynaa
dc.date.accessioned 2023-02-14T07:14:51Z
dc.date.available 2023-02-14T07:14:51Z
dc.date.issued 2022-08
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7688
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa, qabiyyeefi yoomeessaa mammaaksa Oromoo tokkummaa Godina Jimmaa Aanaa Gommaatti mammaakaman, xiinxaluudha. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa waan ta`eef mala qorannoo akkamtaatiin ibsame. Maddi ragaa qoranichaas, madda ragaa tokkoffaati.Kanaaf akka madda ragaa tokkoffaatti namoonni odeefannoon irraa funaaname, maanguddoota Oromoo Godina Jimmaa Aanaa Gommaa waa`ee mammaaksaa gadifageenyaan beekan irraatti. Malli iddatteessuu ammo, iddattessu miti carraa yoo ta`u, gosa iddateessuu kanneen keessaa iddatteessuun itti dhimma bahame iddattessuu akkayyoofi iddattessuu darbaa dabarsaati. Kanaafuu, qorataan Waajjira Aadaa fi Turiiziimii Aanichaa mariisiisuudhaan namoota Aanicha keessaa waa`ee mammaaksa Oromoo sirritti beekan eerga gaafatee booda, ragaalee qoranichaaf isa barbaachisan walitti qabateera. Dabalataanis, qorataan manguddoota mammaaksa beeku jedhamanii eeramanirraa odeefannoo yeroo fudhatu, maanguddoota mammaaksa Oromoo sirriitti beekaman kan biroo akka isaaf eeran gaafachuudhaan namoota eeraman kanneenirraa ragaalee walitti qabateera. Yaaxxinawwan garaagaraa jiran keessaa kan qorannoo kana utubanyaaxxina xiinsammufi yaaxxina faayidaa gargaaramee xiinxala ragaalee taasifameen, argannoon garaa garaatu argamee. Isaanis: Qabiyyeewwan mammaaksa tokkummaa hawaasichaan beekamaa turan harca`aa kan jiraniifi baduurra kan jiran ta`uu; mammaaksoonni tokkummaa ibsan xiyyeefannoon itti kennamee bu`aa hawaasaatiif ooluu dhabuu; faayidaan mammaaksi tokkummaa hawaasa naanichaaf qabu gama jaalala uumuutiin, walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun, afaan guddiisuufi jireenya siyaasaa hawaasaa keessatti gahee guddaa kan qabu ta`uu qorannoo kana keessatti ibsameera. Dhumarrattis, mammaaksi yoomessa murtaa`aa akka hinqabne bira gahameera. Argannoo kana bu`uura godhachuun: Dhimmoota kana irratti ilaalchi hawaasafi fedhiin isaanii gama mammaaksaan akkaataa itti ibsamaa ture mammaaksa yommuusi keessaa hubachuun danda`ameera. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Qaacceessa qabiyyeefi yoomeessaa mammaaksoota Oromoo tokkummaa ibsan: Godina Jimmaa Aanaa Gommaa irratti kan xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account