Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala asoosama “yoomi laataa?”Ija yaadxina maarkisizimiitiin

Show simple item record

dc.contributor.author Takkaayee Nigaatuu Dhaabaa
dc.contributor.author Taayyee Guddataa
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.date.accessioned 2023-02-14T08:35:30Z
dc.date.available 2023-02-14T08:35:30Z
dc.date.issued 2022-08
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7709
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa yaadxina maarkisizimii bu’uureffachuun qabxiilee asoosamni xiinxalaf filatame haala dinagde, siyaasaa, dammaqina gitaatiin hammam akka calaqqisiisaa ture xiinxaluu dha. Karaa biraan ammo kaayyoo qorannoo kanaa taateewwaan asoosama kana keessatti ibsaman haala qabatamaa addunyaa calaqqisiisa kan jedhu xiinxaluudha. Haaluma kanaan qorannichi saxaxa ibsaatti kan dhimmaa bahe dha. Gosti qorannichaas akkamtaa dha. Qorannichi madda ragaa sadarkaa tokkoffaa kan ta’e sakatta’a dookimantii gargaaramuun kan asoosama “Yoomi Laataa?”keessaa fudhatamanitti kan dhimma bahe dha. Asoosamni qorannoon irratti gaggeeffames tooftaa iddattoo kaayyeeffataatiin dhimma bahuuni.Odeeffannon qorannoo kanaaf barbaachisan qabxii bu’uuraa qorattuun dursittee qopheeffatte irratti hundaa’uudhaan akkataa wal fakkeenya isaaniitiin hiikni itti kenname jira. Hiikni kennames jechaani;haaluma kanaan barreessaan asoosama kana keessatti ergaa dabarsuu barbaade tooftaa fakkoomii gargaaramuun asoosamicha keessatti taateewwan duraa duuban xiinxalamaniiru.Argannoowwaan qorannoo kanaa; uummanni oromoo sirnoota darban keessaatti dinagdee gahaa qabaatus itti gargaaramuuf sirni yeroo sanaa akka isa danqaa ture ifoomeera.Baroota hedduu Oromoon qabeenya uumamni lafa isa badhaasees haa ta’uu kan ofii hojjatetti dhimma bahuun ulfaataa akka ta’ee hubachuun danda’ameera.Oromoon bara baraan yaaddoo qabeenyaa irra darbee lubbuu gabbaraa akka ture ifoomeera. Hireen Oromootaa ifaajeedhaan ala fayyadamummaa irratti mirga Rabbiin laateef kan irraa mulqamee ta’uun isaa ibsameraa. Sirnoota darban keessatti akkaataa uummanni oromoo dhimma dinagdee isaa irraatti aangoo qabaachuu fi dhabuun wal qabatee rakkoo gurguddoof akka saaxilama turee fi hirkataa ta’un isa ifoomee jira. Uummanni oromoo baroota hedduuf hacuuccaa fi garbummaa jala turu isaa kan ibsuu dha. Dabalataanis gita cunqursaa keessaa bahuuf qabsoo hadhawaa akka gaaggeessuufi gaheen qabsaa’ota oromoo bakka jiraniitti taasisaniin dhaloota gabrummaaf hin jilbeenffanne akka uumamu taasisee jiraachuun isaa ibsameera. Asoosama “Yoomi Laataa?”haala qabatamaa sabni oromoo dhiibaa gama dinagdee siyaasaa hawaasummaa walumaagalatti mootummooni darban uummata Oromoo irratti Miidhaa gara garaa qaqaabsiisan iyyuu gama Dammaqina gitaatiin qabsoo garaa garaa gochaa akka ture hubanna. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala asoosama “yoomi laataa?”Ija yaadxina maarkisizimiitiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account