Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala hariiroo hirmaannaa daree fi firii madaallii afaan oromoo: barattoota kutaa 10ffaa mana barumsaa jimmaa sadarkaa lammaffaa irratti xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Tamasgeen Sanbaabaa Qorichoo
dc.contributor.author Tashoomee Balaayinee
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.date.accessioned 2023-02-14T08:46:58Z
dc.date.available 2023-02-14T08:46:58Z
dc.date.issued 2022-08
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7712
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa Xiinxala Hariiroo Hirmaannaa Dareefi Firii Madaallii Barattootaa Manabarumsaa Jimmaa Sadarkaa Lammaffaa kutaa 10ffaa barnoota Afaan Oromoo akka afaan tokkoffaatti baratan xiinxaluudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’achuuf qorataan ragaawwan qorannichaa funaanuuf mala qorannoo makaa gargaaramee jira. Qorataan manabarumsaa Jimmaa sadarkaa lammaffaatti argaman keessaa kutaa 10ffaa mala carraa kaayyeffataan filatee jira. Odeeffannoo kennitoonni barattoota 40fi barsiisota 3 mala iddatteessuu kaayyeffataan hirmaatanii jiru. Gama meeshaa funaansa ragaatiin bar-gaaffii barattoota qofaaf, af-gaaffii immoo barattootaafi barsiisotaaf, habuurraa daree barataa, barsiisaafi haala daree ilaallatu qopheessuun akkasumas, sakatta’a karoora guyyaafi kuusaa qabxii barattootaa sakatta’uun ragaa funaaname hammamtaafi akkamtaan ragaan walitti qabame addaan qoodamuun mala walmaddeen xiinxalamee jira. Argannoon qorannoo kanaas, barattoonni mana barumsaa Jimmaa Sadarkaa 2ffaa kutaa 10ffaa Afaan Oromoo akka afaan tokkoffaatti barachaa jiran dhiibbaa barattoonni daree keessatti baay’achuun, naamuusa daree, barattoonni fedhii dhabuufi hirmaannaan maatii gadaanaa ta’uu irraa kan ka’e hirmaannaa daree irratti hirmaannaa isaan taasisan gadaanaa ta’uu irraa kan ka’e firiin madaallii isaanii gadi bu’aa ta’uu bira gahamee jira. Kanumarraa ka’uun qoratichi yaada furmaataa armaan gadii yoo kaa’u, barattoonni gosoota hirmaannaa kamiifuu xiyyeeffannoo kennanii hirmaannaa ho’aa osoo taasisan gaarii ta’uu akkasumas, shaakala kenname kan hojjetan qabxii argachuu qofarratti osoo hinxiyyeeffatan ta’e, madaallii madaalamanis hammam hubadheen jira kan jedhurratti osoo xiyyeeffatan gaarii ta’uu qorataan heeruu kennee jira. Barsiisota Afaan Oromoo barsiisan ilaalchisees,hirmaannaa daree isaan gargaaraman muraasa. Akka argannoo kanaatti kanneen argaman marii daree, dhiyeessa daree, hojii manaafi abbaltii duwwaa waan ta’eef malleen baruubarsiisuu adda addaatti osoo fayyadaman gaarii ta’uu akkasumas, gosoota madaallii garaa garaa osoo gargaaramaniifi madaallii kennaniif dubdeebii battalaa osoo kennan gaarii ta’uu, barattoota hirmaannaa hintaasifne addaan baasanii osoo gargaaran barattoonni kaka’umsa horatanii qabxii barnoota isaanii fooyyeffachuu ni danda’u kan jedhu kaa’a. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala hariiroo hirmaannaa daree fi firii madaallii afaan oromoo: barattoota kutaa 10ffaa mana barumsaa jimmaa sadarkaa lammaffaa irratti xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account