Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala hanqina dandeettii barreessuu afaan oromoo barattoota mana barumsaa kaarraa goraa sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffa

Show simple item record

dc.contributor.author Saniyaa Hasan
dc.contributor.author Alamayyoo Faqqadaa
dc.contributor.author Tashoomaa Balaaynaa
dc.date.accessioned 2023-02-14T08:58:55Z
dc.date.available 2023-02-14T08:58:55Z
dc.date.issued 2022-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7716
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa qaaccessa dandeettii barreessuu barattootaa mana barumsaa kaarraa Goraa sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa baratanii irratti kan xiyyeeffatee dha. Ka‟umsi, maddaa fi gosti barreessuu Doggoggora barattootaa maali jedhu kan xiinxale yoo ta‟u, kaayyoo kana galmaan gahuuf immoo qorannoo makaatti kan fayyadamee dha. Kanas qorannoo akkamtaa fi hammamtaatti kan dhimma bahee dha. Qorannichis dayeessa xiinxala dandeettii barreessuu kan bu‟uureffatee dha. Barattoonni mana barumsaa Kaarraa Goraa sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa baratanii barattoota dhiira 94 fi dubara 86 walumaa galatti barattoota 180 keessaa iddattoo miti carraan barattoota dhiiraa 38 fi dubara 39 walumatti barattoota 77 (%42.7) ta‟anii fi barsiisota dhiiraa 2 fi dubaraa 1 walitti barsiisota 3 ta‟an irraa odeeffannoowwan mala adda addaan argaman walitti qabuun qacceffamaniiru. Odeeffannoo kanas, meeshaalee odeeffannoo ittiin funaanan kanneen akka: afgaaffii, qormaataa fi daawwannaa dareen argaman kan akka barrruu barattootaa irraa funaanaman gargaaramuun mala akkamtaan qaacceffameera. Qaaccessi odeeffannoo fi qormaata barattootaa akka ifa ta‟uuf gabateedhaan deeggaramuun ibsi itti kennameera. Haaluma wal fakkaatuun odeeffannoo jechaan ibsamanis akkaataa wal simatuun walitti fiduun ibsi itti kennameera. Qaaccessa kanneen irraas rakkooleen barattoota kutaa 9ffaa fi 10ffaa baratan mudatan, hanqina qubeessuu, sirna tuqaalee, qubguddeessa,qindoomina yaadaan barreessuu dadhabuu, sagaleewwan jechoota gaggabaaboo dheeressuu fi dhedheeroo qabaabsuun, qubee dubbifamaa sadi fi isaa ol walduukaa fayyadamuun barreessuun dogoggora akka uuman xiinxala gaggeeffameen hubachuun danda‟ameera, kanumarraa ka‟uun hubannoo qorannicharraa argame irratti hundaa‟uun yaanni furmaataa kaa‟ames, barsiisonni sadarkaa 1ffaa kaasanii Afaan Oromoo barsiisan yeroo idilees ta‟e idileen alatti nuffii tokko malee of kennanii dandeettii barreessuu gonfachiisuu qabu. Dabalataanis, barattoota isaaniitti fedhii fi kaka‟umsa itti uumuu qabu. Maatiin barattootaas ijoollee isaanii hordofuu fi deggaruu qabu. Dhimmamtoonni barnoota olaanoo kitaaba barataa shaakala dandeettii barreessuu barattootaa foyyeessu mijeessuu fi wayitii barnoota Afaan Oromoo kenname dabaluu qabu. Walumaa galatti qaamni dhimmi barnootaa isa ilaallatu hundi dandeettiin barreessuu barattootaa akka fooyya‟uuf sadarkaa barumsaa kamirrattuu of kennanii irratti hojjechuun barbaachisaa fi dirqama lammummaa ti. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala hanqina dandeettii barreessuu afaan oromoo barattoota mana barumsaa kaarraa goraa sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account