Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Asoosama Dheeraa Godaannisa Ija Yaadxina Hawaasummaatiin

Show simple item record

dc.contributor.author Zeenabaa Huseen
dc.contributor.author Tayyee Guddataa
dc.contributor.author Alamayyoo Faqqadaa
dc.date.accessioned 2023-02-14T09:13:53Z
dc.date.available 2023-02-14T09:13:53Z
dc.date.issued 2022-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7718
dc.description.abstract Asoosamni hedduun Afaan Oromootiin barreeffamanii hawaasa bira gahaa jiru. Haata’u malee asoosama Afaan Oromootiin barreeffaman irratti qorannoon yaadxina adda addaa bu’uureeffatee gaggeeffamee ballinaan hin mul’atu. Keessattuu ija yaadxina hawaasummaatiin qorannoon asoosamo Afaan Oromoo irratti gaggeeffame baay’ee muraasa yookaan hin jiru. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa haala jiruufi jireenya ummata Oromoo waliin walqabatee barreessan dhimmoota gama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee, akkasumas, eenyummaan, aadaafi seenaan asoosama dheeraa ‘Godaannisaa’ keessatti mul’atan yaadxina hawaasummaatiin xiinxaluudha. Saxaxni qorannoo kanaa saxaxa qorannoo ibsaa ta’ee, mala qorannoon akkamtaatiin gaggeeffame. Maddi odeeffannoo qorannoo kanaas asoosama dheeraa ‘Godaannisaa’ yoo ta’u madda ragaa tokkooffaadha. Malli ragaan kun ittiin filatames mala iddatteessuu miti-carraa mala kaayyeeffatatti fayyadamuunidha. Haaluma kanaan, Asoosamicha irra deddeebi’in gadifageenyaan dubbisuun dhimmoota hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee, akkasumas, eenyummaan, aadaafi seenaan kaayyoo qorannoo kana waliin walqabatan mala sakatta’a barruutii adda baasuun funaanamaniiru. Ragaalee funaanaman kunis mala xiinxala ragaalee akkamtaa ta’e keessaa, mala xiinxala barruutiin xiinxalamaniiru. Bu’aan qorannoo kana akka mul’isutti, asoosama Godaannisaa keessatti dhimmoonni hariiroo hawaasummaa mul’isan kanneen akka jaalalaa, hiriyyuummaa, gabbii, haaloo, walittidhufeenya maatii yoo ta’an; kanneen hariiroo hawaasaa faalleessan immoo safuu hawaasaa cabsuu, gantummaa, jireenya maatii jeequu akka ta’an qorannoo kanaan adda baheera. Haaluma walfakkaatuun, bu’aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti, ergaawwan asoosamicha keessatti hawaasaaf darban immoo kanneen akka barnoota, ciminaan hojjachuu, aadaa walgargaaruu, tokkummaa qabachuu fi itti gaafatamummaa fudhachuu ta’uu bira gahameera. Gama biraatiin immoo, bu’aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti, dhiibbaan ummata Oromoo gama siyaasaafi bulchiinsaa, dinagdee, eenyummaafi Afaaniin keessa ture hojii kalaqa kana keessatti qabataman kan dhiyaatan ta’uu xiinxala ragaalee qorannoo kanaan bira gahameera. Dabalatanis, ummanni Oromoo dhiibbaafi miidhaa sirna yeroo sanaatiin irra gahaa ture dura dhaabbachuuf akka dhunfaatis ta’e bifa gurma’een falmii hanga hidhannootti taasisaa turuu isaa barreessan hojii isaa keessatti mul’iseera. Dhuma irrattis, hojii ogbarruu kana kallattii yaadxina biraatiin qorannoo irratti gaggeeffamu akka danda’u akeekameera. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Dheeraa Godaannisa Ija Yaadxina Hawaasummaatiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account