Jimma University Open access Institutional Repository

Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Lammaffaa Afaan Oromoofi Ogbarruu Barsiisuun Guuttachuuf Qophaa’ee, Yuunivarsiitii Jimmaa Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Humaaniitii Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruutiif Kan Dhiyaate

Show simple item record

dc.contributor.author Mahammadkabiir, Shealiyyiitiin
dc.date.accessioned 2023-02-14T09:52:47Z
dc.date.available 2023-02-14T09:52:47Z
dc.date.issued 2022-10
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7723
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree“Xiinxala unkaafi ergaa walaloo sirba fuudhaafi heeruma kaadhimatanii fuudhuu” yeroo ta’u, bakki inni irratti adeemsifame ammoo godina Jimmaa aanaa Qarsaati. Qorannoo kana adeemsisuuf wantoonni qorataa kakaase sirbi fuudhaafi heerumaa yeroo ammaa sababa adda addaa irraa kan ka’e badaa kan jiru ta’uufi qorannoon gahaan mata duree kana irratti kan hin adeemsifamne ta’uu isaati.Kaayyoon qorannoo kanaas, unkaafi sirba fuudhaafi heerumaa kaadhimatanii fuuchuu xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf qorataan gosa qorannoo ibsaa kan fayyadame yeroo ta’u, meeshaalee funaansa ragaa daawwannaafi afgaaffii fayyadamuun, tooftaa iddatteessuu akkayyootiin namoota waahee sirba kanaa beekan dargaggoota, jaarsoliifi dubartoota irraa odeeffannoo walitti qabee jira.Odeeffannoo walitti qabaman ammoo yaaxxina unkaafi yaaxxina caasaatti gargaaramuun unkaafi ergaa sirba fuudhaafi heeruma kaadhimatanii fuuchuu kana xiinxalee jira.Bu’aa xiinxala kanaatiin argannoowwan argaman:qabiyyeewwan akka qabiyyee gorsuu,qehee ho’isuu, qeequu,jaalala ibsuu, jajuu, arrabsuu,bareedina agarsiisuu, nagaa dhaammachuu kan of keessaa qabu ta’uu bira gaheera.Gosoonni sirba fuudhaafi heerumaa akkaataa sochii qaamaafi yeedaloo irratti hundaa’uun oltumee, gattumeefi goonnaa yookiin gurmuu irratti kan taphatamuu ta’uun isaafi caasaaleen afwalaloo tokkoof miidhagina dabalan kan akka qindoomina sagalee,birsagaa,irra deddeebiin sagaleefi jechootaa, gaalee,bo’oo walaloo,buufataafi yeedalaoo akkamii akka ofkeessaa qabuufi akkaataan qindeeffama isaanii xiinxalamee bira gahameera.Kana males,unkaan afwalaloon kun ittiin mana rukutu bifa abab,aa,aabb,aaaa,aaaabb,aabbcc,aaabbb,aab,ta’uufi ergaawwan akka gorsuu, gammachiisuu,bohaarsuu, miidhagina ibsuu, gaabbii, arrabsuu,yaaddoo ibsuu kan ofkeessaa qabu ta’uun isaa qorqnnoo kanaan adda baheera.Sirbi kun aadaa,duudhaafi barsiifata hawaasaa akkasumas,haala jiruufi jireenya akaakileefi abaabilee irraa daddarbaa asgahe kana dhalootatti dabarsuudha.Kanaaf,qabeenya baduu hin qabne waan ta’eef osoo qorannoon gama garaagaraan irratti adeemsifamee gaariidha. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Lammaffaa Afaan Oromoofi Ogbarruu Barsiisuun Guuttachuuf Qophaa’ee, Yuunivarsiitii Jimmaa Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Humaaniitii Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruutiif Kan Dhiyaate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account