Jimma University Open access Institutional Repository

Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Lammaffaa Afaan Oromoofi Ogbarruu Ittiin Guuttachuudhaaf Qophaa’e, Yuunivarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa, Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruutti Dhiyaate

Show simple item record

dc.contributor.author Dassaaleny, Tashoomee
dc.contributor.author Dr. Tashoomee, Balaayinee
dc.contributor.author Margaa, Abbabaa
dc.date.accessioned 2023-02-14T10:01:27Z
dc.date.available 2023-02-14T10:01:27Z
dc.date.issued 2014-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7726
dc.description.abstract Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa dogoggora keeyyata Afaan Oromootiin barreessuu keessatti barattootni Yuunivarsiitii Jimmaa digirii jalqabaa waggaa lammaffaa bara 2012 Afaan Oromoofi Ogbarruu baratan uuman xiinxaluun qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf mala qorannoo makaa (akkamtaafi hammamtaan) adeemsifamee jira. Qorannichis, odeeffannoo mala qormaataafi afgaaffii cufaafi banaan funaanamee xiinxalamuun jechootaan kan ibsamanii qaaceffamaniifi lakkoofsaan kan sadarkeefamanidha. kanaafuu malli qorannichaa mala makaati. Baay’inni barattoota dhiiraa 21fi barattoota dubaraa 31 walumaa galatti, barattoota 52 yommuu ta’an akkuma jirutti fudhachuun hima ijoo keeyyata shan qopheessuun shan keessaa kan barbaadan filachuun akka isaan keeyyata tokko barreessan taasifamee jira. Odeeffannoon haala kanaan kan sassaabame yommuu ta’u, barsiisota barattoota kana kallattumaan daree seenanii barsiisan dhiira lama gaaffilee afaanii dhimma keeyyata barreessuun walqabate qopheessuun gaafachuun odeeffannoon funaanamee kan qaacceffamedha. Argannoon qorannichaa akka mul’isutti dogoggorri qubeessuu, sirna tuqaaleefi caasluga irratti uumaman mul’atanii jiru. Gosoota dogoggoraa qormaata barattootaarraa irra caalaatti kan mul’isu barattoonni hedduun isaanii rakkoo qubeessuu 26 (50%) kan qaban yemmuu ta’an, rakkoo sirna tuqaalee 11 (21%), rakkoo caaslugaa 6 (11.5%), rakkoo walta’iinsaa 4 (7.6%), rakkoo qubguddeessaa 3(5.7%), fi rakkoo filannoo jechootaa 2(3.8%) ragaadhaan sakatta’ameera. Maddoonni dogoggoroota kunneeniis: shaakala fedhii keeyyata barreessuu dhabuu barattootaa, yeroo keeyyata barreessan (shaakalan) xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu fi dogoggora uumamuuf dhimma dhabuu, mana barnootaa sadarkaa gadaanaatti seeraan barsiifamuu dhabuu barattootaa, lakkoofsi barattoota daree tokko keessatti argaman baay’achuufi tokko tokkoo barattootaaf yaada sirreeffamaa (duub-deebii) kennuun akka rakkisaa ta’a kan jedhan ibsamanii jiru. Akka furmaataatti ammoo, barsiisonni sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa keessatti Afaan Oromoo barsiisaa jiran dhimmamuun yeroo barattoonni keeyyata barreessuu shaakalan akka fedhii qabaatanii barreessan jajjabeessuufi kakaasuu, gama biraatiin lakkoofsi barattoota sadarkaa tokkoffaa daree tokko keessatti baratan kan madaalame gochuu, hanga danda’ametti yeroo shaakala keeyyata barreessuu barsiisonni duub-deebii isaaniif kennuu, barattoonni yeroo keeyyata barreessuu shaakalan dogoggora uumamuuf dhimma dhabuu dhiisuun xiyyeeffannoo kennuun gargaaruufi mana barnootaa sadarkaa gadaanaa keessatti barattoonni seeraan akka isaan barsiifaman gochuu. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Lammaffaa Afaan Oromoofi Ogbarruu Ittiin Guuttachuudhaaf Qophaa’e, Yuunivarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa, Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruutti Dhiyaate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account