Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Afwalaloo Deessuu:Haala Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa

Show simple item record

dc.contributor.author Hajitaajuu A/Fiixaa, Fakriyyaa
dc.contributor.author Iristee, Akkawaaq
dc.contributor.author Taayyee, Guddataa
dc.date.accessioned 2023-02-15T08:10:09Z
dc.date.available 2023-02-15T08:10:09Z
dc.date.issued 2022-12
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7751
dc.description.abstract Mata-dureen qorannoo kanaa, “Xiinxala itti fayyadama afaanii afwalaloo deessuu haala Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa”kan jedhu yemmuu ta‟u, Qorattuun qorannoowwan mata duree kanaan walqabatiinsa qaban garaa garaa wayita dubbistetti qorannoon kallattiin mata duree kana irratti hojjetame waan hin jirreef, mata duree kana irratti qorannoo akka gegeessituuf qorattuu kakaaseera. Dabalataan, yeroo ammaa kana Afoolatti gargaaramuun laafaa, harca‟aafi badaa deemaa jira malee guddachaa hin jjiru. Kunis sababoota dhiibbaa amantii, dhiibbaa siyaasaafi qaroominaan wal qabsiisuu irraan kan ka‟e xiyyeeffannoo dhabuun afoolliifi aadaan uummata kanaa akka hin qoratamne waan dhorkamee tureef dagatamaa jira. Gariin ammoo badeetu jira. Aadaan kun yoo hafe, seenaan uummata Oromootis keessatti hafa waan ta‟eef afoola kana deebisuufi tursiisuuf, kanneen dagataman yaadachiisuufi badiirraa hambisuuf qorannoo kana akka irratti hojjettu qorattuu kakaaseera. kaayyoon qorannoo kanaa immoo fayyadama afaanii afwaaloo da‟umsarratti hawaasni Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naddaa dhimma bahaa jiru xiinxaluu dha. Kaayyoo kana galmaan ga‟uuf madda ragaa tokkoffaa fi mala akkamtaatti gargaaramuun ragaan funaanamee jira. Mala Iddatteessuu akkaayyoofi darbaa dabarsaa fayyadamuun jaartoliifi dubartoota umurii giddu-galeessaa ta‟an filachuun ragaa kennuu keessatti hirmaachifamanii jiru. Kana irraa afgaaffii hincaaseffamneefi marii garee xiyyeeffannoottiin ragaaleen funaanamee jira. Qorannichis, yaaxxina tajaajilaa fi yaaxxina haalawaa(Contextual)kan bu‟uureffatee gageeffameedha. Haaluma kanaan, qorannoon gaggeeffame kunis, namoonni fayyadama afaanii afwalaloo da‟umsa dura, yeroo da‟umsaa, da‟umsa boodafi eenyummaa deessuu ijaaruu keessatti fayyadama afaanii afwalaloo isaan itti gargaaraman duraaduubaan xiinxalameera. Argannoon qorannoo kanaa akka agarsiisutti, Hawaasni Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa afwalalootti gargaaramee hamilee dubartii dubara deessee fi ilma dhiiraa deessee kan jajjabeessuufi kan faarsu ta‟us, itti fayyadamni isaa sababoota kanneen akka dhiibbaa amantii, dhiibbaa siyaasaafi qaroomina irraa kan ka‟e gadi bu‟aadha. Akkasumas, Itti fayyadamni afwalaloo deessuu da‟umsa irratti deessuu ittiin faarsuuf qofa kan tajaajilu osoo hin taane, dhalli argames/tes faayidaa inni/isheen deessuuf argamsiiftu mul‟isuuf illee kanneen faarfaman jiraachuu isaa oqrannoo kanaan bira gahameera. yeroo ammaa kana fayyadama afaanii afwalaloo deessuu da‟umsa irratti itti gargaaraman namoota umurii giddugaleessaa biratti dagatamaa kan dhufeefi aadaafi amantaan akka waan waldhiibuutti fudhachuun ammo ilaalcha hawaasichaa yemmuu ta‟u, qorattoonni seenaafi aadaa akkasumas,waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Aanichaa yeroo yerootti hubannoon osoo hawaasaaf kennamee gaarii ta‟a kan jedhu immoo yaboo(yaada furmaataa) keessatti tarreeffameera. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Afwalaloo Deessuu:Haala Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account