Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Asoosama Bishaan Gubate Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Xilaayee, Warqinaa
dc.contributor.author Alamituu, Olii
dc.contributor.author Cimdii, Waaqumaa
dc.date.accessioned 2023-02-15T10:08:50Z
dc.date.available 2023-02-15T10:08:50Z
dc.date.issued 2014-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7773
dc.description.abstract Qorannoon kun Itti Fayyadama Afaanii Asoosama „Bishaan Gubate‟ jedhu irratti xiyyeeffata. Fayyadama afaanii asoosamoota Oromoo irratti qorannoo gahaan taasifamuu dhabuun ka‟umsa ijoo qorannichaati. Asoosama filatame kana keessatti malleen dubbii, mammaaksaafi jechama argaman haala walitti dhufeenya isaaniitiin sassaabamuun jechaan waan xiinxalamaniif,saxaxa ibsaatti dhimma bahameera. Saxaxni kun ragaa jechaan sassaabame tokko gadi fageenyaan xiinxaluuf waan gargaaruuf. Akkasumas qorattuun asoosama filatame kana akka madda odeeffannootti kan dhimma itti baate yemmuu ta‟u, asoosamicha mala iddattoo miti carraa keessaa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataatti gargaaramuun asoosamoota Afaan Oromoo yeroo dhihoo as barreeffaman keessaa filatameeera.Innis ulaagaa asoosamni tokko guutuu qabu guutuudhaan mataduree qorannoo kana milkeessuu waan danda‟uuf. Ragaan qorannoo kanaas maddoota ragaa jiran keessaa madda ragaa tokkoffaatti gargaaramuun barruu dhihaate keessaa sassaabamaniiru. Innis, mala sakatta‟a dookumantiin yemmuu ta‟u, malli kun barreeffama akka odeeffannoo qorannootti nama fayyadan keessaa odeeffannoo walitti qabachuuf kan gargaaru waan ta‟eef. Dayeessawwan ogbarruu jiran keessaa, dayeessa faayidaa bu‟uureffateera. Dayeessi kun hojiilee ogbarruu tokko keessatti faayidaa beekumsi hawaasaa haala jiruufi jireenya keessatti qabu xiinxaluuf kan gargaaru waan ta‟eef, meeshaaleen ragaaleen ittiin sassaabaman mala sakatta‟a dookumantii yommuu ta‟u, innis ragaalee bifa qindaa‟aa ta‟een walitti sassaabuuf kan gargaarudha. Sakatta‟a dookumantii fayyadamuun itti fayyadamni afaanii asoosama filatame kana keessatti xiinxalaman: malleendubbii (akkasaa, iddeessa, nameessa, eemiti, habalaka, arbeessuu, ateessaafi anyaarsee),mammaaksaafi jechamootadha. Odeeffannoon asoosamicha sakatta‟uudhaan argame akkaataa walitti dhufeenya isaaniitiin mataduree matadureedhaan qoqqooduudhaan adeemsa gosa qorannoo akkamtaatiin xiinxaluun dhihaatee jira.Bifuma kanaan bu‟aan qorannichaan argame akka mul‟isutti akkaataan itti fayyadama Afaanii asoosama kana keessatti dhimma itti ba‟aman gadadoo, rakkoo siyaasaaf dinagdee, abdii kutachuu ykn abdiidhaan jiraachuu,rakkoo maatiifi firaa wajjin qabaniif rakkina jiru gadi fageenyaan maal akka fakkaatu haala miira dubbistoota keessatti uumuu danda‟uun dhihaatee jira. Dabalataanis, muuxannoo jaalalaa keessatti tokkummaa oromummaa kan agarsiisudha. Qorannoon fayyadama afaanii ogbarruu barreeffamaa Afaan Oromoo irratti godhamu osoo bal‟inaan adeemsifamee gaar en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Asoosama Bishaan Gubate Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account