Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Asoosama Booree Ija Yaaxxina Maarkisizimiitin

Show simple item record

dc.contributor.author Saamu’eel, Daani’eel
dc.contributor.author Taayyee, Guddataa
dc.contributor.author Alamaayyoo, Faqqadaa
dc.date.accessioned 2023-02-15T10:17:15Z
dc.date.available 2023-02-15T10:17:15Z
dc.date.issued 2022-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7775
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree xiinxala asoosama „Booree 096‟ ija yaaxxina Maarkisiziimiin kan jedhu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon gooroon qorannoo kanaas qeeqa maarkisizimiirratti hundaa‟uudhaan asoosama „Booree 096‟xiinxaluudha. Qorannichaaf ka„umsa kan ta„e qeeqa gama Maarkisizimiin asoosama kana namni xiinxale waan jiru hinfakkaatu waan ta‟eef. Dabalataanis, asoosamni filatame kun yeroo dhiyoo asitti waan barreeffameef qorataan ka‟umsa godhateera. Gosti qorannoo qorataan gargaarame qorannoo akkamtaa yookiin qulqull eeffataati. Odeeffannookun madda raga tokkooffaa irraa kan fudhatameedha. kanas, mala sakatta‟insa kitaabaatiin kan funaanameedha.Kunis,mala akkamtaa fayyadamuuni. Saxaxa ibsaa n ibsamee kan dhiyaateedha.Haaluma kanaan Asoosama afaan Oromoo barreeffamanii jiran keessaa „Booree 096‟ filachuun, gaaffiiwwan gama caasaa gitoota garaagaraa, hacuuccaa hawaas-diinagdee, waldhabdee gita hirree qabuufi gita hacuucamaa gidduu jirufi aangoo siyaasaa qabachuun diinagdee kan of jala galfatan eenyu akka ta‟an adda bahaniiru. Bu„uuruma kanaan xiinxalichi qabxiilee tarreeffaman kana jalatti hafeewwan adda a ddaa asoosamicha keessaa kan fudhateedha.Kanaafuu, bu„aan qorannichaa tarsiimoo qindaa‟a a qabatanii tokkummaan socho‟uun milkaa‟ina egeree saba Oromoo akka fidu,Uummanni Oromoo gama hundaan qabsoo hanga wareegama lubbuutti jedhu qabatee kan deemu yoo ta‟e b ilisummaa hawwu akka bira gahu,Uummanni Oromoo humna qabu maraan yoo barate, barnootaan, teeknoojiidhaan, qonnaafi guddina garaagaraan abdii onnachiisaan akka fidu, baroota hedduuf mootummaan biyya kana bulchaa tureefi har‟as bulchaa kan jiru jijjiirama misoomaa kan hinfinne ta‟uu, garagarummaan deggersa tajaajila hawaasaa kan jiru ta‟uufi ilaa lcha mootummaan illee hawaasni dagataman jiraachuudha. Kanaafuu, argannoowwan eeraman kana irratti hundaa„uun hayyoonni Oromoo bifa adda addaatiin dhimmoota kana fakkaatuun asoosamoota kanas ta„ee, kitaabota biroo irraatti qorannoo bal„aa gaggeessuun hawaasni akka irraa baratuuf namni hunduu gahee isaa akka bahu gochuun gaarii ta„a kan jedhu yaada qoratichaati. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Booree Ija Yaaxxina Maarkisizimiitin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account