Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Walsimannaa Akkaataa Barachuu, Tarsimoolee Barachuu Barattootaafi Mala Barsiisonni Afaan Oromoo Ittiin Barsiisan: Xiyyeeffannoo Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Hoomaafi Sootalloo Kutaa 9ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Mazgabuu, Girmooshaatiin
dc.contributor.author Gorsaa:Alamaayyoo, Faqqadaa
dc.contributor.author Gorsaa Gargaaraa, Cimdii Waaqumaa
dc.date.accessioned 2023-03-03T07:31:41Z
dc.date.available 2023-03-03T07:31:41Z
dc.date.issued 2022-01
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7977
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa,walsimannaa akkaataa barachuu, tarsimoolee barachuu barattootaafi mala barsiisonni Afaan Oromoo ittiin barsiisan kan mana barumsa sadarkaa lammaffaa Hoomaafi Sootalloo kutaa 9ffaa xiinxaluudha.Mataduree kana irratti ragaa barbaachisu funaanuudhaaf, qorannoo makaatti dhiimmaa bahamee jira.Mala iddatteessuu akkaayyoofi carraa salphaatiin barattoota kutaa 9ffaa saddeettama, barsiisota afurii fi dura buutotni afur walii galatti namoonni saddeettamii saddeet filatamanii hirmaatanii jiru. Ragaa mala safarataafi qulqulleeffataatiin walitti qabame, akkaataa wal fakkeenyaan walitti qindaa’anii xiinxalamanii karaa lakkoofsaafi jechaatiin qaacceffamanii ibsaan dhihaataniiru.Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaan bira gahaman:1ffaan,Fedhiin akkaataa barachuu barattootaa ilaaluun, dhageettiin, barreessuufi dubbisuufi Qaamsochiin barachuu kan jaallatan yoo ta’u, tarsimoolee barachuu isaanii ammoo tarsimoo yaadsanmmuu,tarsimoo yaadsammuu olaanaa,tarsimoo yaadqalbii ilaalchaa, tarsimoo hawaasummaafi tarsimoo kalsirreessuutiin barachuu akka barbaadan bira ga’amee jira. 2ffaa,Hubannoon akkaataa barachuufi tarsimoolee barachuu barsiisota manneen barnootichaa biratti gadaanaa ta’uu,3ffaa barsiisonni akkaataafi tarsimoolee barachuu barattootaa xiyyeeffannoo osoo hin kennin barnoota kan dhiheessan ta’uu,4ffaan miijatummaan haala daree barnootaa,naannoo barnootaa,duubeen barsiisotaa,barattootaa, meeshaaleen barnootaa akkaataa barachuu barattootaatiin dandeettiiwwan Afaan Oromoo barsiisuuf gufuu akka ta’an adda ba’eera.Dhumarrattis, yaboowwan gurguddoo qorataan tarreesse:1ffaan,Hubannoo Akkaataa barachuufi tarsimoolee barachuu barattootaa irratti jiru cimsuuf leenjiin barsiisotaafi barattootaaf osoo kennamee gaariidha.2ffaa,Barsiisotni akkaattaa barachuu barattootaa addaan baasuun osoo barsiisanii gaarii ta’a.3ffaa gufuuwwan hojiirra oolmaa akkaataa barachuufi tarsimoolee barachuu barattootaa dhimmamtoota barnootaatiin yoo furaman gaarii ta’a.4ffaa,Barattoota kutaa gara gadii irratti xiyyeeffachuun barsiisuufi fedhii akkaataa barachuu isaanii addaan baasuun barsiisuuf qaamoleen sadarkaan jiraniifi BBOn osoo haala mijeessanii gaarii ta’a. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Walsimannaa Akkaataa Barachuu, Tarsimoolee Barachuu Barattootaafi Mala Barsiisonni Afaan Oromoo Ittiin Barsiisan: Xiyyeeffannoo Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Hoomaafi Sootalloo Kutaa 9ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account