Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Dhiyaannaa Unka Fi Hiika Jechoota Saayinsawaa Barnoota Fiiziksii Kitaaba Barataa Kutaalee 7 Fi 8

Show simple item record

dc.contributor.author Ambisaa Leggesee, Margaa
dc.contributor.author Cimdii, Waaqumaa
dc.contributor.author Alamituu, Olii
dc.date.accessioned 2023-03-03T12:39:36Z
dc.date.available 2023-03-03T12:39:36Z
dc.date.issued 2015-03
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8002
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree “Xiinxala Dhiyaanaa Unka fi Hiika Jechoota Saayinsaawaa Barnoota Fiiziksii Kitaaba Barataa Kutaalee 7 fi 8” jedhu irratti taasifame. Kaayyoon qorannoo kana jechoota saayinsaawaa kitaabilee kana keessa jiran unka xiinqooqaa fi hiikaatiin xiinxaluudha, Qorannoo kana keessatti hanqinoota jiran adda baasuun yaada furmaataa kaa‟uuf gosa qorannoo akkamtaa fi saxaxa ibsaatti dhimma bahame.Irraawwatamni qorannichaa kitaaba barataa barnoota fiiziksiiti. Malli odeeffannoon ittiin funaaname sakata‟iinsa kitaaba yoo ta‟u jechoota saayinsaawaa kitaabilee kana keessa jiran sakata‟uun walitti qabamaniiru. Argannoon qorannoo kanaas jechootni saayinsaawaa kitaaba barataa barnoota fiiziksii kutaa 7 fi 8 keessatti argamanu seera uumamsa jechoota Afaan Oromoo: ergisaa 284, uumuu 22, madaqsuu 19, suphuu 5, yaasaa 26,makaa 44, diigalaa 43 fi kottoonfachiistuu 8 yoo ta‟an irra caalaatti jechootni ergisaa waan baay‟atuuf kun immoo imaammata barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1-8 barattootni afaan dhalootaatiin barachuu qabu jedhu irraan dhiibbaa geesisuu akka danda‟u; Jechootni yaasaan akkasumas diigalli haalli isaan itti uumamanii kitaabilee kana keessatti dhiyaatan seera uumamsa jechoota Afaan Oromoo kan hin eegne jiraachuu; jechootni hiikni isaanii ulfaataa ta‟e sadarkaa fi umurii barattootaatiin walhingitne kitaabilee kana keessa jiraachuu kun immoo akka barattootni battalatti hiikanii barataniif rakkoo ta‟uu fi jechoota ulfaataa kanaaf jibsoon dhuma kitaabilee kanaa irratti barreeffamuu dhabuu; yaad-rimee tokko ibsuuf jechoota garaagaraatti dhimma bahuun barachuu barattootaatiif gufuu ta‟uu; akkasumas jechoota unkaa fi sagaleessuu walfakkaataa qabaniin yaad-rimee adda addaa ittiin ibsuun barattootni adeemsa barachuu keessatti rakkachuu akka danda‟an adda bahee jira. Argannoo armaan olittifis yaadni furmaataa kaa‟ame: Ogeeyyiin kitaaba barataa fi sirna barnootaa qopheessan, akkasumas koreen moggaasa jechootaa fi waaltina afaanii qophii kitaabaa irratti hirmaatan jechoota ergisaa kitaabilee kanneen keessatti heddummatan Afaan Oromootiin bakka buusuun baay‟ina isaanii gadi buusuu akka qaban; jechootni hiikuuf ulfaataa ta‟an akkasumas sadarkaa fi umurii barattootaatiin walhingitne barattootni hiikkachaa akka barataniif dhuma kitaabaa irratti jibsoo qopheessuu akka qaban; jechoota saayinsaawaa uumanii kitaabilee kana keessatti tajaajilaaf oolchuu irratti ogeeyyiin xiyyeeffannoo kennuun dogoggora gama dhamjechaa fi diigalaatiin mul‟atu furuu akka qaban; akkasumas yaad-rimee tokko jecha adda addaatiin ibsurra yaada tokko jechuma tokkoon ibsuu;jecha unkaa fi sagaleessuu walfakkaatu qabu yaadrimee garaagaraatiif akka hin tajaajille ogeeyyiin xiyyeeffannoo osoo itti kennanii rakkooleen kun akka furamu eerameera. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Dhiyaannaa Unka Fi Hiika Jechoota Saayinsawaa Barnoota Fiiziksii Kitaaba Barataa Kutaalee 7 Fi 8 en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account