Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Calaqqee Ogafaanii Fi Itti Fayyadama Afaanii Sirna Walseerrannaa Tuullaa Biyyaa; Godina Iluu Abbaa Booraa

Show simple item record

dc.contributor.author Alamituu, Olii
dc.contributor.author Mir. Cimdii, Waaqumaa
dc.date.accessioned 2023-03-03T13:04:32Z
dc.date.available 2023-03-03T13:04:32Z
dc.date.issued 2014-08
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8004
dc.description.abstract Mata dureen qorannoo kanaa Callaqqee ogafaaniifi itti fayyadama afaanii Sirna Wal Seerrannaa Tuullaa Biyyaa Xiinxaluu yoo ta’u, Kaayyoon qorannoo kanaas callaqqee ogafaaniifi ergaa itti fayyadama afaanii Sirna Wal Seerrannaa Tuullaa Biyyaa jedhu xinxaluudha. Qorannoon kun yaaxxina tajaajilaa gargaaramee jira. Akkasumas, qorannoo akkamtaa saxaxa ibsaatti gargaarame. Malleen iddatteessuu miti-carraa keessaa mala iddatteessuu darbaa dabarsaatiin maanguddoota aanaa Bachoofi aanaa Diiduutti kan dhimma bahe yemmuu ta’u, pirezidaantii mana murtii aanaa Bacchoofi hojjettootaa Aadaafi Tuurizimii aanaa lameen immoo mala akkayyootti fayyadame jira.Sababii qorattuun iddatteessuu kana filattes, kaayyoo qabattee kaate galmaan gahuuf, qaamolee kana filachuun ragaa barbaachisaa ta’e bira deemuun waan funaannatteefidha. Akkasmas, Maanguddoonni akka madda raga tokkoffaatti filataman kunis milkaa’ina qorannichaaf namoota murteessoodha jette waan itti amanteef. Meeshaaleen ragaan ittiin funaanaman af-gaaffii, marii gareefi daawwannaadha. Ragaaleen funaaname kunis adeemsa qorannoon akkamtaa itti qaacceffamu keessaa mala qaaccessa ibsaa gargaaramuun akkaataa walfakkeenya isaaniin walitti fiduun qaacceffamaniiru.Argannoon qorannoo kanaa akka mul’isutti ogafaaniifi itti fayyadamni afaanii duudhicha keessatti hojiirra oolan gorsuuf, barsiisuuf, hojii gaarii cimsuuf, amala badaa balaalleffachuun to’achuuf kan ooluu ta’uu isaa, tokkummaa hawaasichaa cimsuu, yakka xiqqeessuu, walitti dhufeenyiifi jaalalli gaariin hawaasicha gidduutti akka uumamu gochuu,dhaloonni afoola,aadaa,safuufi duudha hawaasa isaanii barsiisuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu qorannoo kanaan adda baheera .Argannoo kana irratti hundaa’uun faayidaa ogafaaniifi itti fayyadama afaanii duudhicha keessatti argaman irratti Abbootiin Amantaa,Abbootiin Gadaafi qaamoleen seeraa hubannoo kennuun cimsuufi beekamtii kennuu qabu.Dhaloonni borii faayidaa afoolaa,aadaa,duudhaafi safuu hawaasa isaanii beekuuf dirqama qabaachuufi qaamoleen dhimmi isaa ilaallatu hundi akka xiyyeeffannoon irratti hojjetanii jechuun dhuma irrattis, qorattun ogafaaniifi itti fayyadamni afaanii duudhicha keessa jiru duudhicha waaliin akka hin dagatamneef dhaloonni kunuunse tursiisuuf akka irratti hojjetamuuf akeekte jirti en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Calaqqee Ogafaanii Fi Itti Fayyadama Afaanii Sirna Walseerrannaa Tuullaa Biyyaa; Godina Iluu Abbaa Booraa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account