Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Dhiyaannaa Qabiyyee Horsiisaafi Uumama Jechoota Afaan Oromoo: Kitaabilee Seerlugaa Afaan Oromoo Filataman Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Cimdii, Waaqumaa
dc.contributor.author Tashoomaa, Balaayinaa
dc.date.accessioned 2023-03-03T13:19:00Z
dc.date.available 2023-03-03T13:19:00Z
dc.date.issued 2022-08
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8005
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa Moggaasa maqaa bakkeewwan beekamoo Godina Iluu Aabbaa Boor Aanaa Daarimuu irrattidha. Xiyyeeffannoon qorannoo kanaas bu’uura moggaasa maqaa bakkeewwanii, moggaasni maqaa bakkeewwanii dhaamsa akkamii akka qabu, akkasumas dhiibbaa sirnoota darbaniin moggaasa maqaa bakkeewwaniirra gahe hubachuudha.Qorannoo kanafis yaaxina jiran keessaa yaaxina fakkoommii bu’uureffateera.Haaluma kanaan moggaasa maqaa bakkeewwanii kanaaf saxaxni qorannoo kanaa ibsaa yoo ta’u, gosti qorannoo kanaa ammaoo qorannoo akkamtaa/qulqulleeffataati.Odeeffannoon barbaachisoo ta’anis meeshalee odeeffannoon ittiin funaanamu keessaa afgaaffii banaafi maree garee xiyyeeffanootiin funaanamee jira. Haaluma kanaan odeefkennitootni afgaaffiin odeeffannoon irraa funaaname namoota kudha- lama yoo ta’an kan maree garee xiyyeeffannoo ammo namoota kudhan walii galatti namoota digdamii-lamarraa qorannicha keessatti hammachiisee jira. Odeefkennitootni kunis manguddoota, haadholii,hojjettoota aadaafi tuurizimii aanaa daarimuu irraa kanneen moggaasa maqaa bakkeewwanii irratti muuxannoofi hubannoo qaban filatamanii irraa sassaabamanis mala qorannoo ibsaatiin hiikni itti kennamee qaacceffameera. Qorannoo kanaaf odeeffannoo barbaachisaa ta’an odeef-kennitoota mala iddatteessuu miti-carraa keessaa akkayyoofi darbaadabarsaatiin filataman irraa funaanameeera.Odeeeffannoo qorannichaa funaanamee irratti hundaa’uun goolabni isaa bira gahamee jira. Qorannoo kana keessatti akka argannoo waliigalaatti wanti argamee, moggasni maqaa bakkeewwanii maqaa namaa, haala qilleensaa, wantoota naannoo sanatti baay’inaan argaman, maqaa namaafi haala bakka sanaa walittii qindeessun akka ta’eefi dhiibbaa sirnoota darbaniitin Oromoon aanichaa yaadannoofi seenaa moggaasa maqaa bakkaa kan isaa dagatee akka kan biraa dhaalu ta’uun isaa, akkasumas moggaasni maqaa bakkeewwanii dhaamsa mataa isaanii kan qabaatu ta’uu hubatameera. Kanaafuu moggaasni maqaa bakkeewwaniif kennamu bakkee sanaaf mallattoo ykn bakka bu’aa maqaan sun ittiin waamamuu kan ta’edha jechuudha. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Dhiyaannaa Qabiyyee Horsiisaafi Uumama Jechoota Afaan Oromoo: Kitaabilee Seerlugaa Afaan Oromoo Filataman Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account