Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Ergaa Afwalaloo Geerarsa Laga Dhidheessaa Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Dhidheessaa

Show simple item record

dc.contributor.author Qorataan, Shaafii Muktaar
dc.contributor.author Taayyee, Guddata
dc.contributor.author Shaafii, Muktaar
dc.date.accessioned 2023-03-03T14:06:02Z
dc.date.available 2023-03-03T14:06:02Z
dc.date.issued 2022-03
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8008
dc.description.abstract Qorannoo tokko yeroo geggeeffamuu ka’umsa qaba. Kunis, af-Walaloo geerarsaa dabo ,af-walaloo geerarsa gooota fi raawwii afwalaloo geerarsa wal-galaaanaaa Dhidheessaa irratti qorannoon waan geggeeffameef,geerarsi Laga Dhidheessaa irratti ammoo, qorannoon tasuma akka aanaattis ta'e, akka Oromiyaati, falaasamni Oromoon bishaan qabu argee hin beeku. Kanaaf, geerarsi Laga Dhidheessaa kunis, barreeffamaan dhabamuun wal-nama hin gaafachisu.Kuni ammoo, booda gara baduuti waan deemuuf, kakumsa naa keessatti uumee, akkani qorannoo irratti hojedhu na-taasiisee. Kanaaf, kaayyoon qorannoo kanaas, ergaa af-walaloo geerarsa ,faayida fi gosota geerarsa Laga Dhidheessaa xiinxaluurratti xiyyeeffate geggeeffame.Barruuleen qorannoo kanaan walitti dhufeenya qabanis sakatta’amaniiru.Malli qorannoo kuni ittiin adeemsiifamesi, mala akkamtaata yoo ta’u, gosti qorannoo kunis qulqulleeffataadha. Iddattoon itti dhimma bahames, iddattoo akkayyooti.Maddi odeeffannoo qorannichaa, manguddoota, af-Walaloo geerarsaa irratti muuxxannoo fi beekumsa qabanu Aanaa Dhidheessaa keessaa jiraataniidha. Meeshaalee funaansa ragaa qorataan itti fayyadame, af-gaaffii, marii garee xiyyeeffaannaa fi daawwannaadha. Ragaalee xiinxalaman kanneen bu’uureeffachuun, ergaa, faayidaa fi gosoota af-walaloo geerarsaaa Laga Dhidheessatu xiinxalamanii. Hawaasni tokko akka dhuunfattis ta'e, akka gereetis jechootaa fi jechamoota geerarsa Laga Dhidheessaa kana keessatti falaasama, Oromoon uumama naannoo keessaa bishaan Dhidheessaatiif qabu, ibsuun geerarsa kana gargaaramanii, rakkoo jara muudateef, akkamitti akka wal-kakaasanii, furmaata jaraaf, fala kennaa akka turani, qorannoo kanaan hubatameera.Gosti afwalaloo geerarsaa kunis, yeroon daangahus, yeroo biraas akka geeraramu bira gahameera. Faayidaan geerarsa kuni, rakkoo muudatee hiikuu, rakkoo nama tokko irraa gahee, lamu rakkinchi akka nama biraa hin muudanneef, barsiisuu. gammachuu ,qeequu, jajuu fi faayidaa fayyadamaan wal-qabatee akka leellifamu hubatameera. Adeemsi kuni ammoo,akka deebi'ee dagaaguuf, Biiroo Baranoota Oromiyaa Barnoota kuta Jaha (6)(7) keessaa tokko falaasama uumama naannoo keessaa Laga Dhidheessaa kana ittiin ibsanu irratti kitaaba Afaan Oromoo Biiroon ofii qopheessuu dhiisee barsiisoonni aanaa akka qopheessanu godhee, geerarsi uumama naannoo kuni, akka barsiifamu taasiise ,kan irratti aanaa sochii eegalee, barsiisoota mariyachiisee, akka aanaatti kitaabni utuu qopheeffatani , aadaan kuni deebi’ee dagaagu danda'a. Aadaa ykn Af-walaloo geerarsa Laga Dhidheessaaa kana, Biiroon barnoota aanaa utuu wal-galanii miinimidiyaa M/B Barumsa aanoota jiraniif kan ofii dabarsu irratti sagantaa adda addaa akka darbu utuu godhan, aadaan kuni akka salphatti guddachuu danda'a en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Afwalaloo Geerarsa Laga Dhidheessaa Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Dhidheessaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account