Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Itti Fayyadama Madaallii Walitti Fufaa Barsiisota Afaan Oromoo Kutaa 9-12 Mana Barumsaa Boojjii Dirmajii: Xiyyeeffannoon Dandeettii Barreessuu

Show simple item record

dc.contributor.author Mulugeetaa, Uummataatiiin
dc.contributor.author Alamaayyoo, Faqadee
dc.date.accessioned 2023-09-14T07:47:57Z
dc.date.available 2023-09-14T07:47:57Z
dc.date.issued 2014-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8421
dc.description.abstract Kaayyooon qorannichaa itti fayyadama madaallii walitti fufaa barsiisata Afaan Oromoo kutaa 9-12 mana barrumsaa Boojjii Diramajii: xiyyeeffannoon dandeettii barreessuu xiinxaluudha. Adeemsa madallii walitti fufaan dandeettii barreessuu barattota barsiisuuf attamittiin akka karoorfatanii jiraniifi isa karoorfatan attamittiin akka hojiirra oolchan adda baasuudha, Akkasumas, adeemsa barreessuu keessatti hnqina barattoonni mul`isaniif, duub-deebii attamii akka laatan adda baasuudha, kana malees, adeemsa madaallii walitti fufaan dandeettii barreessuu akka hin barsiifneef wantoonni danqaa isaanitti ta`an maalfaa akka ta`an adda baasuudha. Qorannichaaf wanti ka’umusa ta’e hanqina itti fayyadama madaallii walitti fufaa barsiisota Afaan Oromoo kutaa kanneenii dandeetti barreessuuratti xiyyeefate adda baasuun haniqnaale mul’ataniif furmaata kaa’uuf, madaallii kanatti fayyadamuu dadhabuun, dhiibbaa inni dandeettii barreessuu keessatti uumuu danda`u adda baasuudha. Qorataan hanqinoota itti fayyadama madaallii walittifufaan dandeettii barreessuu barsiisuu, addaan baasee yaada furmaataa kennuuf immoo gosa qorannoo keessaa, qorannoo ibsaafi sakatta` insaa dhimm ba’ee jira. Akkasumas, barsiisotaa fi barattoota mana barumsichaa akka iddattootti, malaa iddatteessuu kaayyeffanaatiin filatee jiru. Meeshaale odeffannoon ittiiin funaaname, daawwannaa, sakatta`iinsa dookimentii, af-gaaffii barsiisotaafi barattootaan argame mala akkamataatiin qaaccesseera. Akka ragaaleen qaacceffaman mullisanitti itti fayyadama madaallii walitti fufaan dandeettii barreessuu barsiisuuf amma tokko karoorri gaariin jiraatus, hanqinnis, mul’atee jira. Kunis hanqina, isaa karooorfame hojiitti hiikuu dadhabuu, barataa hunda haala wal fakkaatuun sakatta`uu dadhabuun mul`ateera. Kana malees, hanqina mul`ateef duub-deebii ga`aa kennuun akka hinjirre hubatameera. Hooggantoota manneen barnootaa birattis hanqinni ni mul`ata. Sababni isaas barattoonni daree keessatti akka hin baayyanneef haala mijeessuu danda`u turan. Waluumaagalatti argannnoo qorannoo kanaa irraa ka’uun barsiisonni sadarkaa kanarraa barsiisan dandeettii barattoonni brreessuurratti qaban fooyyessuuf madaallii walitti fufaan sakatta`aa adeemuun isaan irraa eegama. Kana malees supperviizeroonniifi hooggantoonnni manneen barnnootaa, barsiisata hundaaf hubannoo walfakkanataa uumuufii, muuxannoo waljijjiirraaf haala mijeessuufi leenjii hojiirraalaachuufii akka furmaataatti kaa’eera. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Itti Fayyadama Madaallii Walitti Fufaa Barsiisota Afaan Oromoo Kutaa 9-12 Mana Barumsaa Boojjii Dirmajii: Xiyyeeffannoon Dandeettii Barreessuu en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account