Jimma University Open access Institutional Repository

Qorannoo Ulaagaa Digrii Lammaffaa (Ma) Fookloorii Oromoon Guuttachuuf Yuunivarsiitii Jimmaa Muummee Fooklooriifi Og Barruu Oromootiif Dhiyaate

Show simple item record

dc.contributor.author Sulxaan, Nuuraa
dc.contributor.author Milkeessaa, Ida’ee
dc.contributor.author Aayyehu, Baacaa
dc.date.accessioned 2023-12-15T08:38:29Z
dc.date.available 2023-12-15T08:38:29Z
dc.date.issued 2023-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8963
dc.description.abstract Fuudhaafi heerumni ruqoolee keessa lufiinsa jireenyaa keessaa tokko ta’ee, adeemsa dargaggeessifi shamarreen umriin isaanii gaa’elaaf gahe akkaataa duudhaanifi safuun hawaasa sanii heeyyamuun gaa’ela raawwachuun waliin jiraatani. Gosootni sirnoota fuudhaafi heerumaa: butii, aseennaa, wal gara, adda baana, dhaala, hawii, membeetoofi gabbara yookin kadhata yookin hoohoyyoo fa’a yoo ta’an, kanneen keessaa gabbarri sirna fuudhaafi heerumaa warri mucaa fuudhuu maatii intala irraa fuudhaniif kennaawwan gara garaa bifa meeshaa, maallaqaa yookin bifa meeshaafi maallaqaatiin kennuun raawwatamu. Hiikni jecha ‘gabbara’ jedhuu karaalee lamaan kan ibsamu yoo ta’u, kunis; gabbara akka sirna fuudhaafi heerumaattiifi akka kennaawwan sirna kana raawwachuuf oolutti hubatama. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, jijjiiramaafi itti fufiinsa sirna gabbaraa Oromoo Arsii xiinxaluu yoo ta’u, haalli ijaarsa qorannichaa ammoo: gosa qorannoo addeessaa ta’ee, jijjiiramaafi itti fufiinsa duudhaalee gabbaraa ibsuufi mala qorannoo akkamtaa yookin qulqulleeffataatti fayyadame. Tooftaan iddattoon itti filatame, iddattoo akkaayyoo yoo ta’u, malleen ragaaleen ittiin funaanaman: gaafii afaanii, marii garee, dhimma murtaa’aa qo’achuufi xiinxala dokumentii fa’a. Kunis, maddoota ragaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa irraa funaanamuun kaayyoolee gooreefi gaaffilee qorannoo bu’uura godhachuun, duudhaaleen gabbaraa jijjiiramaniifi itti fufan adda baafamuun ibsamanii jiru. Haaluma kanaan, duudhaaleen gabbaraa jijjiiraman: maqaafi kennaawwan sirna fuudhaaf heerumaa gabbaraa, duudhaaf safuu aadaa sirnichaa, safuu durbummaa, kittaannaa dubartiifi rakoo qaluu. Sababootni jijjiiramoota kanneenii ammoo, laafinsa sirna gadaa, dhiibbaa amantaalee alaa, rakkoo ilaalchaafi hubannoo, dhiibbaa babal’achuu industiriifi walitti hidhamiinsa addunyaa, wal tuttuqiinsa aadaalee gara garaa, babal’achuu hammayyummaafi dabaluu fedhii dhala namaa irraa maddan. Karaa biraatiin, duudhaaleen gabbaraa itti fufan: sirbootaafi weedduuwwan, koottu dhufee, meeshaalee aadaa, uffata, nyaataaf dhugaatii aadaafi buna qalaa yoo ta’an, Sababootni duudhaalee kanneen itti fufsiisanis: hedduun isaanii aadaa qabatamaa ta’uu, sirbootnifi weedduuwwan aadaa sagalee, walaloofi yeedaloo miidhaagaan qindaa’anii waan dhiyaataniif. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.subject Jijjiiramaafi itti fufiinsa, en_US
dc.subject Oromoo Arsii en_US
dc.subject Warra kallachaa en_US
dc.title Qorannoo Ulaagaa Digrii Lammaffaa (Ma) Fookloorii Oromoon Guuttachuuf Yuunivarsiitii Jimmaa Muummee Fooklooriifi Og Barruu Oromootiif Dhiyaate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account