Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Weedduu Haadha Addooyyee Garulee

Show simple item record

dc.contributor.author Zaliikaa, Bulaatiin
dc.contributor.author Magarsaa, Raggaasaa
dc.contributor.author Waaqtolee, Hayiluu
dc.date.accessioned 2023-12-15T08:59:17Z
dc.date.available 2023-12-15T08:59:17Z
dc.date.issued 2023-09
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8965
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala weedduu haadha addooyyee garulee Oromoo Jimmaa Aanaa Saxxammaa irratti xiyyeeffata. Qorannoo kana qorachuuf mala akkamtaatti dhimma bahame. Ragaaleen qorannoo kanaas tooftaalee kanneen akka gaaffii afaanii, marii garee xiyyeeffataafi daawwannaatti dhimma bahuun funaaname. Odeeffannoon tooftaalee kanneeniin funaanames kan xiinxalame mala akkamtaatti dhimma bahuuni. Kunis caalmaatti xiinxaluu fi ibsuu irratti kan fuulleffatedha. Akka bu’aan qorannoo kanaa agarsiisutti weedduun haadha addooyyee aadaafi duudhaa Oromoo Jimmaa Aanaan Saxxammaa ittiin beekamudha. Ilaalchiifi eenyummaan Oromoos kan keessatti calaqqisudha. Haati addooyyee garulee dubartoota raawwii sirna cidhaaf abbaa intalaatiin kadhatamanii sirna cidhaa sanarratti hirmaachuun qooda barbaachisu guutuudhaan milkaa’ina sirna sanaaf tumsanidha. Sirni haadha addooyyee garulee weedduudhaan kan tumsamudha. Weedduun haadha addooyyee garulee kunis raawwii sirna fuudhaafi heerumaa waliin cimsee walqabata. Weedduun waltajjii kanarratti weeddifamus qabiyyee adda addaa qaba. Sirni haadha addooyyee garuleefi weedduun sirna kanaan walqabatu sababoota adda addaa kanneen akka amantiilee alaa dhufaniifi laafinsa sirna gadaan jijjiiramaa akka deeme bu’aan qorannoo kanaa ni addeessa. Sababoota kanneenitti dabalee aadaan fuudhaa fi heerumaa Oromoo Jimmaa jijjiiramaa deemuun laafinsa isaaf shoora olaanaa qaba. Sirni haadha addooyyee garulee calaqqee eenyummaafi aadaa waan ta’eef namoonni dhimma aadaa irratti hojjatan weedduu haadha addooyyeef kennuun yoo qorataniif beeksisan aadaa kana tursuuf ni gumaacha en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala Weedduu Haadha Addooyyee Garulee en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account