Jimma University Open access Institutional Repository

Adeemsa Araaraa Waldhabdee Abbaaf Ilmaafi Raawwii Adabbii Ilma Lubbuu Abbaa Baasee: Xiyyeeffannaa Caffee Tumaa Jahan Galaanirratti

Show simple item record

dc.contributor.author Ayyehu, Baacaa
dc.contributor.author Tarrafaa, Mitikkuu
dc.contributor.author Magarsaa, Raggaasaa
dc.date.accessioned 2023-12-18T07:35:02Z
dc.date.available 2023-12-18T07:35:02Z
dc.date.issued 2023-09
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8967
dc.description.abstract Qorannoon kunmata duree:Adeemsa araaraa waldhabdee abbaafi ilmaafi raawwii adabbii Ilma lubbuu abbaa baasee: xiyyeeffannaa Caffee Tumaa Jahan Galaanirratti gaggeeffame. Qorannichi mala qorannoo akkamtaa ibsaatiinhojjatame.Qorataan ajjeechaa ilmiabbaa irratti raawwatu, tumaa adabbii Ilma lubbuu abbaa baaseefi raawwii isaa akkasumas adeemsa araara ilma abbaa uggee xiinxalleera. Ragaa mala adda addaatin walitti qabame mala qorannoo akkamataatti fayyadamuun xiinxalame. Mala iddatteessuu miti carraa keessaa adeemsa darbaa dabarsaa hojiirra oolcheera. Odeeffannoo qorannoo kanaaf barbaachisu maddeen ragaa tokkoffaa daawwannaa, gaafii afaanii,mariigaree xiyyeeffataafi taatee tokko qorachuun sassaabame.Argannoon qorannichaa walitti bu‟iinsaa fi araara abbaaf ilmaa fi sirna raawwii adabbii ilma abbaa ajjeessee keessatti safuufi safeffannaan uumaafi uumamaa eddoo guddaa akka qabu agarsiisa. Ilmi abbaa ajjeese safuu uumaa uumamaa waan cabseef harka duubatti hidhuun dhakaa dugdatti fe‟enii bishaanitti akka gatamuufi akka carraa ta‟ee tattaaftee yoo bishaan keessaa bahelaga sagal cee‟ee tulluu sagala qari‟ee biyyaa akka bahu itti murtaa‟a.Ilmi abbaa ugge immoo murtii gadaan itti murteesse yoo fudhatee jireenya hawaasummaa isaatti akka deebi‟u taasifama. Abbaan akka tasaa yoo ilma isaa miidhe akkaataa seera gadaatiin faloo falatee hawaasatti makama.Osoo sirni kun haala kanaan hojii irra kan oolu ta‟ee safuu uumaa fi uumama bakkatti deebi‟a. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.subject Waldhabdee en_US
dc.subject ,Safuu uumaa uumamaa en_US
dc.subject Sirna araaraa en_US
dc.title Adeemsa Araaraa Waldhabdee Abbaaf Ilmaafi Raawwii Adabbii Ilma Lubbuu Abbaa Baasee: Xiyyeeffannaa Caffee Tumaa Jahan Galaanirratti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account