Jimma University Open access Institutional Repository

Kolleejjii Saayinsii Hawaasafi Namummaa Muummee Fooklooriifi Og-Barruu Oromoo

Show simple item record

dc.contributor.author Rattaa, Nagaash
dc.contributor.author Aayyahu, Baacaa
dc.contributor.author Tarrafaa, Mitikkuu
dc.date.accessioned 2023-12-18T08:00:17Z
dc.date.available 2023-12-18T08:00:17Z
dc.date.issued 2023-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8969
dc.description.abstract Qorannoon kun horsiisa karra-sadeenii Oromoo Ituurratti qoratame. Karra-sadeen jechuun maqaa waloo loon, gaalaafi re‟een ittiin waamamaniidha. Ragaa qorannichaa funaanuuf tooftaa iddatteessuu miti-carraa keessaa darbaa dabarsaatti dhimma bahame. Ragaaleen qorannichaa madda ragaa bu‟uuraarraa daawwannaa, gaaffii afaanii, marii garee xiyyeeffatamaafi taatee filatamaa sakatta‟uun funaanaman. Ragaaleen funaanaman immoo, kaayyolee qorannichaarratti hundaa‟uun xiinxalaman. Qorannichi kaayyolee bu‟uuraa shan qaba. Isaanis:- Oromoon Ituu karra-sadeen akkamiin akka horsiisuufi karra-sadeen ilaalchisuun duudhaa hawaasichaa keessatti heera tumame ibsuu, wantoota Oromoon Ituu irratti hundaa‟ee maqaa karra-sadeenii moggaasuufi maqaalee karra-sadeeniif moggaafaman adda baasuun ibsuu, faayidaa karri-sadeen jilaalee Oromoo Ituu keessatti qaban addeessuu, gosoota faaruulee karra-sadeeniifi Oromoon Ituu karra-sadeen yeroo akkamii akka faarsu ibsuufi jijjiiramaafi itti fufiinsa horsiisa karra-sadeenii Oromoo Ituurratti mul‟atu addeessuu. Kanumarratti hundaa‟un, argannoowwan qorannichaa dhiyaatanis, Oromoon Ituu durirraa kaasee karra-sadeen horsiisaa ture. Oromoon Ituu karra-sadeen maqaa kan moggaasu akkaataa horii san ittiin horate, bifa horiifi mallattoowwan addaa horiirratti hundaa‟uni. Gama gahee karra-sadeen jiloota aadaa Oromoo Ituu keessatti qabaniin immoo, jiloota hormaata sa‟aa namaatif godhamu hedduu keessatti karra-sadeen gahee guddaa qabu. Faaruulee karra-sadeenii Oromoo Ituu keessaa horree, hayoo, faaruu toohaafi faaruun yeroo diroo raasanii faaruulee looniiti. Bobbee, waareefi jaariin re‟ee faaruulee re‟ee yoo ta‟an, dhiiboofi masoon faaruu gaalaati. Dhumarrattis, sadarkaa horsiisni karra-sadeenii Oromoo Ituu yeroo ammaa irra jirutu dhiyaate. Qabxii kana jalattis, Oromoon Ituu har‟allee karra-sadeen horsiisaa jira. Haa ta‟u malee, sababa babal‟achuu qonnaatiin heerri lafa dheedaafi horaa waliinii cabuu, naannolee baddadareetti horsiisarraa gara qonnaatti ce‟aa dhufuufi naannolee gammoojjiitti immoo sababa xiqqaachaa dhufuu roobaatiin horsiisa loonii caalaa horsiisni gaalaafi re‟ee babal‟achaa akka dhufe bira gahameera. Kanumarratti hundaa‟uun dookmantariiwwan adda addaa qopheessuu, qorannoowwan dabalataa hojjachuufi argannoo qorannoo kanaa barruulee adda addaafi kitaabatti jijjiiruun maxxansiisuun qabxiilee akka yaada furmaata qorannichaatti dhiyaataniidha. Walumaagalatti, qorannoo kana keessatti aadaan horsiisa karra-sadeenii Oromoo Ituufi qabiyyeewwan aadaa horsiisa karra-sadeeniitin walqabtan garagaraa dhiyaatanii jiru. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Kolleejjii Saayinsii Hawaasafi Namummaa Muummee Fooklooriifi Og-Barruu Oromoo en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account