dc.description.abstract |
Qorannoon kun mata duree“Xiinxala dandeettii barreessuu barsiisota Afaan Oromoo manneen
barnoota sadarkaa tokkoffaa kutaa 5-8 ” yeroo ta’u, bakki inni irratti adeemsifame ammoo godina
Jimmaa Aanaa Qarsaati.Qorannoo kana adeemsisuuf wantoonni qorattuu kakaase hojii
supparviizyinii barnootaaf yeroo manneen barnootaa adda aaddaa deemaa turtetti rakkooleen
dandeettii barreessuun walqabatan baay’inaan jiraachuu isaa waan hubatteefi..Kaayyoon
qorannoo kanaas,Dandeettii barreessuu barsiisota Afaan Oromoo manneen barnoota sadarkaa
1ffaa kutaa 5-8 Aanaa Qarsaa xiinxaluudha.Kaayyoo kana galmaan ga’uuf qorattuun gosa
qorannoo ibsaa kan fayyadamte yeroo ta’u, meeshaalee funaansa ragaa sakatta’a barruu,
daawwannaa fi qormaata.Tooftaa iddatteessuu mti carraa fayyadamuun barsiisota irraa ragaalee
walitti qabdee jiri.Ragaalee walitti qabaman ammoo yaaxxina adeemsaa fi bu’aatti gargaaramuun
odeeffannoo
kana xiinxaltee jirti..Bu’aa xiinxala kanaatiin argannoowwan argaman:rakkoon
dandeettii barreessuu keessatti barsiisota biratti argaman,hanqina dandeettii qubeessuu,hanqina
itti fayyadama sirna tuqaalee fi qub-guddeessaa,hanqina seerlugaa,himaa fl keeyyataa ta’uu bira
geessee jirti. Sababoonni
hanqinoota kanaa ammoo yeroo barreessan xiyyeeffannoo kennuu
dhabuu, waan barreessan irra deebi’anii dubbisuu dhabuu, namoonni afaan oromootiin hin
leenjine gosa barnoota afaan oromoo barsiisuufaadha. Rakkoo kana maqsuuf ammoo barsiisaan
dhaloota borii qara waan ta’eef kana hubatee dandeettii afaan oromootiin barreessuu osoo
gabbifatee gaariidha. |
en_US |