dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa asoosama dheeraa ‘Arraa Gurbaa’ keessatti ija yaaxxina dubartummaa
Maarkisiistiin dhimmoota dubartootaa akkaataa asoosamni filatame itti dhiheesse xiinxaluu dha.
Saxaxni qorannichaas saxaxa ibsaati. Malli iddatteessuu kitaabni kun ittiin filatame mala
iddatteessuu kaayyeffataa yoo ta’u, qorataan meeshaa funaansa ragaa hojiirra oole xiinxala barruu
kan fayyadame yemmuu ta’u, ragaaleen meeshaa kanaan funaanamanis gosa qorannoo akkamtaatti
gargaaramuun qaacceffamaniiru. Namfakkiileen dubartootaa asoosamicha keessatti miidhaa gama
hawaas-dinagdee, miidhaa qaamaa, miidhaa saalaafi xiinsammuu gita aangoo qabuun irra ga’e
xiinxalameera. Qorataanis xiinxala adeemsise kanaan argannoowwan bira ga’aman keessaa
muraasni asoosama filatame keessatti hirmaannaan namfakkiilee dubartootaa kan warra dhiiraan
walbira qabamee yemmuu ilaalamu baay’inni isaanii baay’ee xiqqaa dha. Kana malees sababa
garaagarummaa koorniyaatiin miidhaan dubartootarra ga’ee akka jiru xiinxala kanaan bira
ga’ameera. Dhibbiseefi haati Lalisee qabeenya isaaniirraa buqqaafamanii saamamuun dhiibbaa
gama dinagdeen dubartootarratti ga’uu argarsiisa; gama koorniyaan dhaabbileen hawaasummaa
waajjirri gandaa fi waajjirri poolisii gaaffii namfakkiileen dubartootaa gaafatan jalaa qabuu
dhabuun dhiibbaa gama koorniyaan dubartootarra ga’u ibsa; itti dabalees dubartootni dhimmoota
akka siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee keessatti hirmaannaa akka taasisan bira ga’ameera.
Dabalataan gitni aangoo qabu namfakkiilee dubartootaarra dhiibbaa kanneen akka buqqisuu,
doorsisuu, hidhuu, miidhaa xiinsammuuf saaxiluu geessisuun xiinxala kanaan adda ba’eera.
Miidhaaan gita koorniyaa asoosama kana keessatti kan ibsame ta’uunis kan xiinxalame dha.
Argannoowwan kanneeniin irraa ka’uun dhiibbaa ilaalcha duraan ture irraa maddeen miidhaa
dubartootarra ga’u maqsuuf ogbarruun barmaatilee sana qeequun osoo dhiheessee gaarii dha.
Akkasumas, dinagdee keessatti hirkatanii kan jiraataniifi galii argachuuf jecha hojiileen hojjetan
carraa warra dhiirotaan qixaa akka argataniif xiyyeeffatanii utuu hojjetanii gaariidha. Dhiironnis
ta’ee dubartoonni hojii ogbarruu keessatti walqixa hirmaachuun shoora isaanii osoo ba’anii fi
barreessitootni gara fuulduraatti hojii asoosama barreessuu keessatti hirmaachuu barbaadan,
dubartootni dhimmoota akka siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa keessatti qooda fudhachuu akka
danda’an hubatanii loogii koorniyaa irraa bilisa ta’uun dhugaa qabataan jiru giddugaleessa
godhatanii barreessuun gaariidha;akkasumas dubartootni hojii ogbarruu barreessuu,dubbisuu
akkasumas qeequun cuqursaa isaanirra ga’u dhiira waliin ta’uun dura dhaabbachuun cimina
isaanii agarsiisuun olaantummaan dhiiraa akka xiqqaaataa deemu gochuu ni danda’u kanneen
jedhan isaan ijoo dha. |
en_US |