dc.description.abstract |
Ogbarruun hojii kalaqaa bifa barreeffamaafi afoolaatiin mul’atu ta’ee, jechootatti dhimma
bahuun waa’een jireenya namaa namaan qindaa’ee deebi’ee namaaf kan dhiyaatudha.
Asoosamni hojiilee kalaqaa keessaa tokko ta’ee jiruufi jireenya hawaasa tokkoo akka
daawwitiitti kan mul’isuu dha. Qorattuun qorannicha, qeeqa asoosama dheeraa ‘Yeroon siif
haadhiistu’ yaadxina xiinsammuutiin qeequun kaayyoolee gooree; miidhaa xinsammuu gama
hawaasummaa, diinagdeefi safuutiin asoosamicha keessatti nam-fakkiilee irratti mul’ate,
akkasumas yaadotni barreeffamicha yookiin asoosamicha keessatti argaman dubbistoota
garamitti qajeelchu kan jedhu mala qorannoo qulqulleeffataatiin gaggeessitee argannoowwan
armaan gadiirra geesseetti. Argannoowwan ishees kanneen armaan gadiiti. Asoosamicha
keessatti taateewwan kanneen akka hawaasummaa, safuufi diinagdeen kan mul’atan yoo ta’u
taateewwan kunniinis gama xiinsammuu nam-fakkiilee asoosamicha keessatti argaman irratti
karaalee garaagaraatiin dhiibbaa irratti taasisaniiru. Gama hawaasummaatiin namni jiruufi
jireenyasaa fooyyessuufi jiraachuuf jecha otoo beekuus ta’e otoo hin beekiin hojii hawaasa
keessatti safuu cabsuufi balaaleffannaan isarra gahu hojjachuu danda’a. Rakkoolee xiinsammuu
armaan gadiirraa kan ka’es ta’uu dandaa’a. Akkaataa guddinaa, ilaalcha namni sun qabu,
hawaasa inni keessatti guddateefi oolmaan isaa yookiin hariiroon inni hiriyyoota isaa waliin
qabu murteessoodha. Yaadotni barreeffamicha keessatti argaman dubbistoota gara kallattii
armaan gadiitti qajeelchaniiru. Kan miira gaabbii yookiin ceephoo namatti horan, kan miira
kutannoo namatti horan, kan miira gammachiisee deebisee nama gaddisiisu namatti horan, kan
miira gaddaa namatti horaniifi kan miira gammachuu namatti horan ta’uun qorannoo kanaan
mirkanaa’eera. Asoosamicha keessattis dhimmootni fedhiiwwan riphaa ilmaan namaa haalota
inaaffaan,
abjuun,
marartee
fi
maraatummaan
calaqisaniiru. |
en_US |