Abstract:
Qorannoon kun xiinxala haala dhiheenya dandeettiwwan dhaggeeffachuufi dubbachuu kitaaba
barnoota Afaan Oromoo barattootaa kutaa 8ffaa irratti xiyeefata. Ka’umsi qorannoo kanaas,
haala dhihaannaa dandeettiwwan dhaggeeffachuufi dubbachuu kitaaba barnootaa Afaan
Oromoo kutaa 8ffaa bara 2014 maxxanfame keessatti mul’atu xiinxaluun argannoo kitaaba
barnootaa Afaan Oromoo kana keessatti bira gahame adda baasuun fala isaa waliin dhiheessuu
dha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, haala dhihaannaa dandeettii dhaggeeffachuufi
dubbachuu Afaan Oromoo kitaaba barataa kutaa 8ffaa keessatti jiru xiinxaluun dhiheessu
yemmuu ta’u,qorannoo kana gaggeessuuf yaaxina adeemsaatti dhimma ba’eera. Gosoota
qorannoo keessaa qorannoo qulqulleeffataa kan gargaarameefi ragaaleen qorannoo kanaaf
walitti qabamanis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan qaacceeffameedha.Mala kana
bu’uuraa taasifachuun ragaa funaanuun mataduree qorannoo waliin walsimatu qacceessa
qabiyee kitaabaa (Document analissis) gargaaramuun ragaleen qorannicha funnanamaniiru.
Ragaaleen funaannamaniis qacefamanii dhihaataniiru. Haaluma walfakkaatuun, qorannoon
fafacca’insaafi dhiyaanna dandeettiiwwan dhaggeeffachuufi dubbachuu boqonaalee kitaaba
hunda keessaafi gilgaloota dandeettiiwwan dhaggeeffachuufi dubbachuu walqabatanii jiraan
kan qaccefamaniidha. Bu’aaleen qorannichaan argamaan akka mul’isaniitti, haalli dhihaannaa
dandeettii dhaggeeffachuufi dubbachuu gochaawwan gilgaalotaa boqonnaa keessatti
dhihaatanii gaarii yoo ta’u; hanqinoonni boqonnaa 10 ffaa keessatti qabiyyeen shaakala
dhaggeeffachuu kan hin dhihaatiin ta’uu bira gahamee jira. Kitaabnii barnootaa afaani haala
dhiyaanna dandeetiilee afaanii hunda hirmachisuun osoo qopha’ee dandeettii afaanii
barattoonni baruu qaban kan fooyyeesu ta’a. Yeroo kitaabonni barnootaa afaanii kun
qopha’anis dhimmi barnootaa dhimma xiyeefannoo barbaadu waanta’eef qaamota adda addaa
ogummaa dandeettii afaanii qaban hirmaachisuun osoo qopha’e kanneen jedhuun yaada
furmaataa jalatti ibsameera.