Jimma University Open access Institutional Repository

Haala Dhihaannaa Dandeettiiwwan Dhaggeeffachuufi Dubbachuu Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Takkaalliny Nagaasaa Asaanaa
dc.contributor.author Alamaayyoo Faqqadaa
dc.contributor.author Aantee Soofiyaa Huseen
dc.date.accessioned 2025-07-17T07:42:05Z
dc.date.available 2025-07-17T07:42:05Z
dc.date.issued 2024-06-27
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9767
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala haala dhiheenya dandeettiwwan dhaggeeffachuufi dubbachuu kitaaba barnoota Afaan Oromoo barattootaa kutaa 8ffaa irratti xiyeefata. Ka’umsi qorannoo kanaas, haala dhihaannaa dandeettiwwan dhaggeeffachuufi dubbachuu kitaaba barnootaa Afaan Oromoo kutaa 8ffaa bara 2014 maxxanfame keessatti mul’atu xiinxaluun argannoo kitaaba barnootaa Afaan Oromoo kana keessatti bira gahame adda baasuun fala isaa waliin dhiheessuu dha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, haala dhihaannaa dandeettii dhaggeeffachuufi dubbachuu Afaan Oromoo kitaaba barataa kutaa 8ffaa keessatti jiru xiinxaluun dhiheessu yemmuu ta’u,qorannoo kana gaggeessuuf yaaxina adeemsaatti dhimma ba’eera. Gosoota qorannoo keessaa qorannoo qulqulleeffataa kan gargaarameefi ragaaleen qorannoo kanaaf walitti qabamanis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan qaacceeffameedha.Mala kana bu’uuraa taasifachuun ragaa funaanuun mataduree qorannoo waliin walsimatu qacceessa qabiyee kitaabaa (Document analissis) gargaaramuun ragaleen qorannicha funnanamaniiru. Ragaaleen funaannamaniis qacefamanii dhihaataniiru. Haaluma walfakkaatuun, qorannoon fafacca’insaafi dhiyaanna dandeettiiwwan dhaggeeffachuufi dubbachuu boqonaalee kitaaba hunda keessaafi gilgaloota dandeettiiwwan dhaggeeffachuufi dubbachuu walqabatanii jiraan kan qaccefamaniidha. Bu’aaleen qorannichaan argamaan akka mul’isaniitti, haalli dhihaannaa dandeettii dhaggeeffachuufi dubbachuu gochaawwan gilgaalotaa boqonnaa keessatti dhihaatanii gaarii yoo ta’u; hanqinoonni boqonnaa 10 ffaa keessatti qabiyyeen shaakala dhaggeeffachuu kan hin dhihaatiin ta’uu bira gahamee jira. Kitaabnii barnootaa afaani haala dhiyaanna dandeetiilee afaanii hunda hirmachisuun osoo qopha’ee dandeettii afaanii barattoonni baruu qaban kan fooyyeesu ta’a. Yeroo kitaabonni barnootaa afaanii kun qopha’anis dhimmi barnootaa dhimma xiyeefannoo barbaadu waanta’eef qaamota adda addaa ogummaa dandeettii afaanii qaban hirmaachisuun osoo qopha’e kanneen jedhuun yaada furmaataa jalatti ibsameera. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Haala Dhihaannaa Dandeettiiwwan Dhaggeeffachuufi Dubbachuu Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account