Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Haala Dhiyaannaa Gilgaalota Dandeettii Barreessuu: Kitaaba Barattootaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Moominaa Abbaaduraa
dc.contributor.author Tashoomaa Balaayinaa
dc.contributor.author Mahadii Huseen
dc.date.accessioned 2025-07-21T07:45:04Z
dc.date.available 2025-07-21T07:45:04Z
dc.date.issued 2023-06-27
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9777
dc.description.abstract Qorannoon kun mata-duree, Xiinxala haala dhiyaannaa gilgaalota dandeettii barreessuu kitaaba barattootaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa jedhu irratti qophaa’e. Ka’umsi qorannichaa, kitaabni barattootaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa bara 2014 maxxanfame, haaraa ta’uu, waraqaan kitaabichi ittiin haguugame, qajeelcha barsiisotaa jechuufi kaayyoo barnoota boqonnaa kitaabichaa keessatti immoo, qajeelfamni barreeffama dheeraa nibarreessita jedhu ifa ta’uu dhabuurraan kan ka’e, gilgaalonni dandeettii barreessuu kitaabicha keessatti dhiyaatan dandeettii barreessuu barattootaa gabbisuuf akka ta’uu malutti qophaa’anii dhiyaatanii jiruu laata kan jedhu shakkii uumuusaati. Kaayyoon qorannichaa haala dhiyaannaa gilgaalota dandeettii barreessuu kitaaba barattootaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa xiinxaluudha. Qorannichi qorannoo makaa yemmuu ta’u, ragaaleen maddeen garagaraa irraa walitti sassaabaman xiinxalamanii mala ibsaan dhiyaatan. Maddi ragaa qorannichaa kitaaba barattootaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa bara 2014, maxxanfameedha. Sakatta’a kitaabaa taasifameenis argannoon qorannichaa kan agarsiisan: gilgaalota dandeettii barreessuu qajeelfamoota 14’n kitaaba barattootaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa keessatti dhiyaatan keessaa %64.28, kaayyoo barnootaa boqonnaa wajjin yemmuu walsiman, %21.42, immoo kaayyoo barnootaa boqonnaa wajjin osoo walinsimin dhiyaataniiru. Garuu, %14.28, kaayyoo barnootaa boqonnaa hinqaban. Gama biraan, gilgaalonni dandeettii barreessuu kitaabicha keessatti dhiyaatan %85.71 qajeelfamni isaanii iftoomina kan qabu yemmuu ta’u, %14.28, immoo qajeelfamni isaani iftoomina hinqaban. Haaluma walfakkaatuun, gilgaalonni dandeettii barreessuu dandeettii dhaggeeffachuu waliin %22.58, qindaa’anii yemmuu dhiyaatan, dubbisuu waliin %45.45, qindaa’uun dhiyaatani. Akkasumas, itti fayyadama jechaa waliin %41.17, qindaa’uun yemmuu dhiyaatan, caasluga waliin %33.33 qindaa’uun dhiyaatani. Itti fufee, afoola waliin % 7.14 qindaa’uun kan dhiyaatan yemmuu ta’u, dandeettii dubbachuu waliin qindaa’ee osoo hindhiyaatin hafeera. Kan biraan, gilgaalonnii dandeettii barreessuu meeshaalee qabatamoo ta’an keessaa fakkiin deeggaramee kan dhiyaate % 7.14 yemmuu ta’u, gabateen deeggaramanii kan dhiyaatan % 14.28% dha.. Gama biraan, gilgaalota dandeettii barreessuu kitaaba barattootaa kutaa 8ffaa keessatti dhiyaatan keessaa %28.57, haala dhiyeenyaa adeemsaa irratti yemmuu xiyyeeffatan, %71.42 immoo haala dhiyenyaa bu’aa irratti xiyyeeffatanii akka dhiyaatan argannoon qorannichaa ni’agarsiisa. Argannoo qorannichaarratti hundaa’uudhaan, yaadni furmaataa qorannichaa: gilgaalonni dandeettii barreessuu kitaaba barattootaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa keessatti dhiyaatan hunduu osoo kaayyoo barnootaa boqonnaa wajjin walsimanuun dhiyaatanii, qajeelfamni gilgaalotaa dhiyaatan hunduu osoo iftoomina qabaatanii, dandeettiileen hunduu bifa qindoomina qabuun osoo dhiyaatanii, gilgaalonni barreessuu dhiyaatanu osoo wantoota qabatamoon deeggaramnii dhiyaatanii, gilgaalonnii barreessuu haala dhiyeenyaa mara bifa walmadaalchiseenn osoo dhiyeessanii gaariidha. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Haala Dhiyaannaa Gilgaalota Dandeettii Barreessuu: Kitaaba Barattootaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account