Jimma University Open access Institutional Repository

Sakatta‟A Haala Dhiyaannaa Shaakala Dandeettii Dubbisuu: Kitaaba Barattootaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Magarsaa Guddinaa
dc.contributor.author Tashoomaa Balaayinaa
dc.contributor.author Yeshii Itichaa
dc.date.accessioned 2025-07-28T08:11:03Z
dc.date.available 2025-07-28T08:11:03Z
dc.date.issued 2023-08-27
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9858
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa, haala dhiyaannaa shaakala dandeettii dubbisuu kitaaba Afaan Oromoo kutaa 8ffaa xiinxaluudha. Ka’umsi qorannoo kanaa: qorataan kitaaba bara 1996 (2004) fooyya’ee baheen yeroo dandeetti dubbisuu barsiisaa turetti, gilgaalli tokko qofaan shaakala dubbisa duraa keessatti dhiyaachuufi shaakaloonni yeroo dubbisuufi dubbisa boodaa jechuun dhiyaatan Dhibuusaaniiti. Kunimmoo, shaakaloonni dubbisuu kitaaba haaraa bara 2014, maxxanfame keessatti dhiyaatan bifa kamiin akka dhiyaatan xiinxaluudhaaf ka’umsa ta’eera. Qorannoon kun mala qorannoo makaa fayyadamuun gaggeeffame. Ragaan kitaaba kutaa 8ffaa bara 2014, maxxanfame irraa walitti sassaabame gosa qorannoo ibsaa fayyadamuun xiinxalame. Kanarraa ka’uun argannoon qorannoo kanaa: shaakalli dubbisa duraa fi yeroo dubbisuu gilgaala tokkoofi qajeelfama tokko-tokko qofaan yemmuu dhiyaatan, shaakalli dubbisa boodaa garuu gilgaala tokkoofi qajeelfamoota lamaan bifa A, B, tiin dhiyaateera. Qajeelfamoota gilgaalota dubbisuu 38, dhiyaataniin walqabatee shaakalli dubbisa duraa %26.3, yoo ta’u, shaakalli yeroo dubbisuus akkasuma. Shaakalli dubbisa boodaa garuu %47.4, dha. Qabiyyeen dubbisaa: seenduubee barataa, sadarkaa fi umrii barataa irratti xiyyeeffatee kan dhiyaateefi, iftoomina kan qabuudha. Gaaffileen gilgaalota shaakaloota dubbisuu baay’inaan teeknika sakatta’aan dubbisuu hordofanii yemmuu dhiyaatan, gaaffileen teeknika gadifageenyan dubbisuu, tilmaamuu, beekumsa duraa kakaasuufi aritiin dubbisuu hordofanii dhiyaatan muraasadha. Garuu, gaaffileen gilgaala dubbisuu teeknika bal’inaan dubbisuu hordofee dhiyaate akka hinjirre qorannoo kanaan ifoomeera. Shaakala dubbisa boodaa keessatti hiikni jechoota haaraa akka hindhiyaatin mirkanaa’eera. Qajeelfamootni gilgaalota shaakala dubbisuu 28 (%73.7) hojii dhuunfaa irratti yoo xiyyeeffatan, 10 (%26.3) hojii garee irratti xiyyeeffatanii dhiyaatani. Dandeettiin dubbisuun dandeettii biroo keessatti qindaa’ee yoo dhiyaatu, dandeettii dubbachuufi barreessuun ala dandeettiin biroo barannoo dandeettii dubbisuu keessatti qindaa’ee dhiyaate akka hinjirre qorannoo kanaan mirkanaa’eera. Hanqinoota muraasa kitaabicha keessatti ija qorataan mul’ataniif yaadni furmaataa: shaakala dubbisa duraa keessatti gaaffileen garagaraa dhiyaatan gajeelfama of danda’aniin osoo dhiyaatanii, teeknikni bal’inaan dubbisuu osoo hammatamee, qajeelfamoonni gilgaalota dubbisuu hojii garee irrati baay’inaan osoo xiyyeeffatanii kan jedhuufi dandeettileen garagaraa barannoo dandeettii dubbisuu keesati qindaa’uun osoo walkeessa baratamanii gaariidha. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Sakatta‟A Haala Dhiyaannaa Shaakala Dandeettii Dubbisuu: Kitaaba Barattootaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account