dc.description.abstract |
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa itti fayyadama malleen dubbii kitaaba asoosama Madaa
Qubaa xiinxaluudha. Gosti qorannoo kana keessatti hojiirra oole qorannoo qulqulleeffataati.
Maddi ragaa tokkoffaa kunis kitaaba asoosama dheeraa “Madaa Qubaa” jedhamudha.
Malli funaansa ragaa qoratichi itti fayyadame malleen dubbii asoosamicha xiinxale mala
sakatta‟a dokumantii/harshammeeti. Qorannoo kana gaggeessuuf qorataan mala
qulqulleeffataa dhimma baheera. Asoosama dheeraa Madaa Qubaa kana keessatti malleen
dubbii adda addaatu qaacceffame. Malleen dubbiis asoosama dheeraa Madaa Qubaa
keessatti argaman isaan kan ta‟an tokko tokkoon isaanii addaan baasuun ibsi itti
kennameera. Kana jechuun malleen dubbii ogbarruufi dubbii namoonni jireenya guyyaa
guyyaan taasisan keessatti akkaataa adda addaan kan itti gargaaramaniidha. Asoosama
kana keessatti malleen dubbii asoosaan gargaarame haala kamiin akka itti gargaarame,
dhimmoota akkamii waliin akka walitti hidheefi akkasumas ergaa kam dabarsuuf akka itti
dhimmame hubachuun danda‟ameera. Dhimmoonni kunis dhimmoota hawaasummaa,
siyaasaa, seenaa, aadaa, jaalala, dinagdee, Oromummaafi rakkina akka jiran argamaniiru.
Kanaafuu, asoosama kana keessatti malleen dubbii kanneen akka: akkasaa, Iddeessaa,
nameessuu, arrabsoo, mitihee, arbeessuu, ate, anyaarsee, arrabsoofi irra deddeebiitti
gargaaramuun isaa xiinxalameera. Malleen dubbiin asoosama kana keessatti mul‟atan
jarreen kana qofa. Isaan keessaa immoo asoosaan irra caalaatti mala dubbii akkasaatti
dhimma akka itti bahe xiinxalameera. Asoosamni kitaabilees asoosama biroo irraa waanti
adda isa godhu dhimma ibsachuu kallattiin osoo hin taane guutummaa guutuutti malleen
dubbii kanneeniifi kalaqa fayyadamuu isaati. Dhugaa hawaasaa haala hubatamaa ta‟een
ibsuun isaas adda isa taasisa. Asoosama kana keessatti malleen dubbiitti hedduminaan
gargaaramuun cimina asoosama kanaa ta‟uu qorataan argateera. Malleen dubbii dhaamsa
tokko karaa naannawa ta‟een qaama biroo, biraan gahuuf shoora olaanaa akka taphatu
beekuun malleen dubbiitti osoo gargaaramee gaarii ta‟a. Malleen dubbii haasawaafi
barreeffama keessatti iddoo adda addaatti galuun dhimmoota baay‟eef kan gargaaru waan
ta‟eef asoosaan kamuu malleen dubbii kanatti akkaataa ifa ta‟een osoo itti fayyadamee
bayeessa ta‟a. |
en_US |