dc.description.abstract |
Matadureen qorannoo kanaa 'Xiinxala ergaa Afwalaloo Oromoo Finfinneen walqabatanii
dhiyaatan' kan jedhu yommuu ta'u, ka'umsi qorannoo kanaas,ergaa afwalaloowwan Oromoo
Finfinneen walqabatanii dhiyaatan funaanamuun ergaan isaan dabarsanis ta'ee, miirri
hawaasni afwalalichaan ibsatan akkasumas, faayidaa inni hawaasaaf kennus xiinxalamanii
dhaloota dhufuuf itti fufiinsa akka qabaatu taasisuudha.Kaayyoon isaa, Afwalaloowwan Oromoo
Finfinneen walqabatanii dhiyaatan walitti qabuun ergaa isaanii xiinxaludha. Yaadiddamni
qorannoon kun ittiin adeemsifames, yaadiddama haalaa fi faayidaati.Gaaffilee qorannoo kanaa
deebisuuf mala qorannoo akkamtaa kan fayyadame yoo ta'u, meeshaaleen funaansa ragaalee
qorannichaa kanneen akka:af-gaaffii fi marii garee irratti xiyyeeffate hojiirra oolchuun
odeeffannoo barbaachisaa ta‟an odeef-kennitoota mala iddatteessuu miti carraa keessaa
akkayyoo fi darbaa dabarsaadhaan filataman irraa funaanameera. Adeemsa kana keessatti
odeef-keennitoonni afgaaffiif dhiyaatan mala iddattoo akkayyoo fi darbaa dabarsaatti
gargaaramuun filataman namoota kudha sadii yommuu ta'an,kan marii gareef dhiyaatan ammoo
namoota jaha ta'anii walii galatti,namoota kudha sagal qorannichaaf ragaalee barbaachise
kennaniiru.Akka argannoo qorannoo kanaan bira gahametti, Afwalaloowwan Oromoo
Finfinneen walqabatanii dhiyaatan ergaawwan akka:beeksisuu, deeggaruu, diddaa,dhiibbaa
gama afaanii, aadaa, eenyummaa, siyaasa, diinagdee fi hawaasummaatiin uummata Oromoo
irra gahaa ture akka ta'an afwalaloowwan dhiyaatan irraa hubachuun danda'ameera.
Akkasumas, hawaasni miira gaddaa, sodaa yookiin yaaddoo fuula duraa, miira jaalalaa fi
hawwii gara fuula duraaf qaban ittiin ibsataa kan turan ta'uunii fi faayidaa hawaasaaf kennu
keessatti immoo,yeroo gorsaa fi beekamtii kennuu barbaade afwalaloo kanneenitti fayyadamaa
kan ture ta'uudha.Kana malees, qorataan yaada kallattii gara fuulduraa ta'uu mala
jedheen,Mootummaan naannoo Oromiyaa, dhaabbanni barnootaa, qorattoonni Oromoo aadaa
fi Afaan Oromoo irratti hojjatanii fi Waajjirri Aadaa fi Turizimii Oromiyaa afwalaloo Oromoo
Finfinneen walqabatanii dhiyaatan walitti qabuun qorannoo bal'aa irratti gaggeessuu fi sirna
barnootaa Afaan Oromoo keessa galchuun baratamaa dhaloota itti aanuuf darbuu osoo
danda'ee yaada jedhu kaa'eera. |
en_US |