dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoon kanaa rakkoo dandeettii barreessuu himaafi keeyyata Afaan Oro
moo barattoota Mana Barumsaa Boorrachaa Sadarkaa Lammaffaa kutaa 10ffaa bara
2015 xiinxaluudha, Haaluma kanaan qorataan Mana barumsaa kana keessatti rakkoo
dandeettii himaafi keeyyata barreessuu barattootaa adda baasuu waan barbaadameef
xiyyeeffannoo itti kennneera. Akkasumas, qorataan qorannoo kana keessatti mala qoran
noo safarataafi qulqulleeffataatti dhimma baeera. Kanamalees, qorannoo kana keessatti
barattoonni 30’ni mala carraa kaayyoo kaayyoo irratti xiyyeeffateen filatamanii odeef
fannoo akka kennan taasifamee jira. Dabalataanis, barsiisonni Afaan Oromoo
kutaa10ffaa barsiisan 3 fudhatamuun ragaa akka kennan taasifameera. Akkasumas,
qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka battalee, af
gaaffiifi bargaaffii mata duree kennameef keessaa filachuun keeyyata akka barreessan go
chuufi a-fgaaffii barsiisotaafi barattootaa fayyadamuun ragaaleen funaanamaniiru.
Ragaaleen funaanamanis, mala qaaccessa ragaalee barbaachisuun qaacceffamanii dhi
haataniiru. Argannoon qorannoo kanaarraa argame akka mul’isutti, barattoonni kutaa
10ffaa rakkoo dandeettii seera himaafi keeyyata afaan Oromoo eeganii barreessuu akka
qabaniifi yaada maddisiisuun, qindeessuun himaafi keeyyata sirrii ulaagaa guutu ijaaruu
irratti rakkoon akka jiru hubatameera. Kanuma irraa ka’uun rakkoo kanaaf furmaata
jedhamee akka hubaannoo qorataatti kan kaa’ame barattoonni osoo sadarkaa gara ga
diitii kaasanii shaakalawwan barsiisota isaaniitiin kennamuuf daree keessattis ta’ee daree
barnootaan alattis xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun nuffii tokko malee hojjechuun dan
deettii barreessuu isaanii fooyyeffatanii gaarummaaa akka qabuufi; irra caalaatti immoo
barsiisonnis gama isaaniitiin of kennuun deeggarsaafi shaakala walirraa hincinne bar
attootaaf kennuun hanqina uumamuuf immoo duubdeebii atattamaafi sirreeffamaa kennaa
yoo deeman rakkoon kun xiqqechuu danda’a. Walumaa galatti barsiisotaafi barattootaan
cinatti deeggarsi maatiifi deeggarsi qaamaa dhimmi barnootaa isa ilaallatu hundi gahee
isa irraa barbaachisu hunda bahuun rakkoo kana furuun barbaachisaa akka ta’ee hu
batameera. |
en_US |