Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala itti fayyadama afaanii asoosama dhabsuu Seenaa keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Fiqree Daggafaa Wadaajoo
dc.contributor.author Iristee Akkawaak
dc.contributor.author Taayyee Guddataa
dc.date.accessioned 2025-10-16T13:39:16Z
dc.date.available 2025-10-16T13:39:16Z
dc.date.issued 2016-08
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9958
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa asoosama „Dhabsuu Seenaa‟ fayyadama afaanii irratti xiyyeeffachuun xiinxaluu yoo ta‟u,qorannaan asoosama kana irratti mata duree kanaan taasifame hin jiru.Dhimma kana irratti qorannoon gegggeeffamuu hafuun immoo ogbarruu Oromootiif yookiin sirnabarumsaa ogbarruu afaanichaatiif gumaachi inni taasisus xiyyeeffannaa dhabuudanda‟a.Kunis dhimma fayyadama afaanii waan ta‟eef. Keessumaa haalaabarreessaan tokko afaanitti fayyadamu sirna barumsaaf ka‟umsa godhachuun kan dhihaateedha.Malli qorannoo kanaa, mala akkamtaa keessaa iddattoo akkaayyootti fayyadamuun mala mit carraatiin filamee jira.Iddattoo kanaan funaanufis mala ibsaa fayyadamuunxiinxalameera.Argannoowwangurguddoonqorannookanaa barreessaan afaan inni fayyadame: malleen dubbiifijechamoota gosagosaanergaa isaan dabarsanirratti hundaa‟uun kaa‟eera.Ittiaansuunis, fayyadamn imalleendubbiifi jechamoonni barsiisuuf mijatoo waanta‟aniif qabiyyee barnoota Afaan Oromootti dabalamanii barnoota kennamu qabatamaa ni taasisu. Akkasumas haala yeroo isaa wajjin walqabachuun jechoota filatamoo barreessaan asoosama kanaa itti gargaarame ciccimoofi sirriitti nama ibsuu danda‟anitti gargaarameera.Akka furmaataatti kan kaa‟ame, itti fayyadamni afaanii Seenaa, aadaafi duudhaa, amantiin fayyadama jechootaa barreessaan waan dhihaataniif osoo gumii dagaagina ogbarruufi Afaan Oromoo manneen barnootaa keessatti barattoota hirmaachisan barumsa dabarsuu danda‟a. Akkasumas,jechoota filatu keessatti jechoota safuu hawaasaaneeganiififudhatama qabanitti utuu gargaarame aadaa fayyadama afaanichaa babal‟isuu danda‟a. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala itti fayyadama afaanii asoosama dhabsuu Seenaa keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account