Abstract:
Qorannoon kun kan gaggeeffame diraamaa Afaan Oromoo Kiyyoo irrattidha. Kaayyoon
dimshaashaa qorannoo kanaa, ergaa diraamaa Afaan Oromoo Kiyyoo kutaa 61 qabu keessa
jiran kan xiinxaledha. Sababni mata dureen kun filatameefis, qaawwaa gama xiinxala ergaa
diraamaatiin jiru fooyyessuufidha. Qorannoon kunis yaaxina hawaasummaa bu'uureffachuun
wantootni hawaasa Oromoo keessatti argaman akkasumas ibsan maal fa'a akka ta'an ragaa
barruu iskiriiptii diraamaa Kiyyoo keessaa fudhatamaniin xiinxalamaniiru. Sababni yaaxinni
hawaasummaa filatameefis, dhimmoota hawaasa keessa jiran gadifageenyaan ibsuuf waan
mijateef. Gosti qorannoo kanaas gosa qorannoo qulqulleeffataatti dhimma bahameera.
Maddi ragaa qorannoon kun ittiin geggeeffames madda ragaa sadarkaa tokkoffaati.
Sababnisaa odeeffannoon qorannoo kanaaf barbaadame, iskiriiptii diraamaa ‘Kiyyoo’
keessaa dubbisuudhaan ibsa itti kennuuf waan ta'eef. Qorataanis diraamaa filate Kaayyoo
qorannoo isaa irratti hundaa'uun mala iddatteessuu miti-carraa keessaa tooftaa iddatteessuu
kaayyeffataatiin diraamicha keessaa maddoota ragaa isaaf barbaachisan filachuun
xiinxaleera. Xiinxala ragaalee jalattis ergaa ijoo gama gumaa/gadoo bahachuutiin
xiinxaleera. Argannoon isaas gumaa/gadoo bahachuuf jecha miidhaa biraa keessa seenuun
waan jiruuf, karaa nagaatti deebisuun araara buusuun barbaachisaa ta’uu xiinxaleera.
Ergaawwan xixiqqoo jalatti ammoo seenaa, dinagdee, iccitii, waliin jireenya hawaasummaa,
jaalalaa, inaaffaa, falaasama aadaafi duudhaa jedhaman xiinxalamaniiru. Akkasumas
barreessaan diraamichaa teekinikoota akkamiitti gargaaramuun ergaa diraamichaa akka
kalaqeefi haala jiruuf jireenya hawaasaa Oromoo hammam akka calaqqise kan jedhu irratti
xiinxalli geggeeffameera. Xumurarratti yaada goolabaa argannoon qorannoo kanaa,
diraamaan Kiyyoo daawwattoota diraamichaaf yookaan hawaasichaaf dhaamsa hedduu
kennera. Ergaawwan kunneenis haaloon yookaan gumaan miidhaa dabalaa deemuu malee
faayidaa akka hinqabne, achuma keessatti gama hawaasa Oromootiin gumaan kun akkamiin
akka hiikamu uummata bal'aa biraan gahuu isaati. Dabalataan Ergaawwan xixiqqoon
jaargocha diraamichaa gara fuulduraatti deemsisan kanneen akkahawaasummaa, dinagdee,
jaalala, falaasama uummata Oromoo, inaaffaa, kan kana fakkaatan fa’a xiinxalamaniiru.
Kana malees eenyummaan karaa garaagaraan ibsamuu xiinxalameera.