Show simple item record

dc.contributor.author Gaarummaa Lammeessaa
dc.contributor.author Iristee Akkawaaq
dc.contributor.author Margaa Ababbaa
dc.date.accessioned 2025-10-24T12:57:53Z
dc.date.available 2025-10-24T12:57:53Z
dc.date.issued 2025-05-27
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9985
dc.description.abstract Qorannoon kun kan gaggeeffame diraamaa Afaan Oromoo Kiyyoo irrattidha. Kaayyoon dimshaashaa qorannoo kanaa, ergaa diraamaa Afaan Oromoo Kiyyoo kutaa 61 qabu keessa jiran kan xiinxaledha. Sababni mata dureen kun filatameefis, qaawwaa gama xiinxala ergaa diraamaatiin jiru fooyyessuufidha. Qorannoon kunis yaaxina hawaasummaa bu'uureffachuun wantootni hawaasa Oromoo keessatti argaman akkasumas ibsan maal fa'a akka ta'an ragaa barruu iskiriiptii diraamaa Kiyyoo keessaa fudhatamaniin xiinxalamaniiru. Sababni yaaxinni hawaasummaa filatameefis, dhimmoota hawaasa keessa jiran gadifageenyaan ibsuuf waan mijateef. Gosti qorannoo kanaas gosa qorannoo qulqulleeffataatti dhimma bahameera. Maddi ragaa qorannoon kun ittiin geggeeffames madda ragaa sadarkaa tokkoffaati. Sababnisaa odeeffannoon qorannoo kanaaf barbaadame, iskiriiptii diraamaa ‘Kiyyoo’ keessaa dubbisuudhaan ibsa itti kennuuf waan ta'eef. Qorataanis diraamaa filate Kaayyoo qorannoo isaa irratti hundaa'uun mala iddatteessuu miti-carraa keessaa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataatiin diraamicha keessaa maddoota ragaa isaaf barbaachisan filachuun xiinxaleera. Xiinxala ragaalee jalattis ergaa ijoo gama gumaa/gadoo bahachuutiin xiinxaleera. Argannoon isaas gumaa/gadoo bahachuuf jecha miidhaa biraa keessa seenuun waan jiruuf, karaa nagaatti deebisuun araara buusuun barbaachisaa ta’uu xiinxaleera. Ergaawwan xixiqqoo jalatti ammoo seenaa, dinagdee, iccitii, waliin jireenya hawaasummaa, jaalalaa, inaaffaa, falaasama aadaafi duudhaa jedhaman xiinxalamaniiru. Akkasumas barreessaan diraamichaa teekinikoota akkamiitti gargaaramuun ergaa diraamichaa akka kalaqeefi haala jiruuf jireenya hawaasaa Oromoo hammam akka calaqqise kan jedhu irratti xiinxalli geggeeffameera. Xumurarratti yaada goolabaa argannoon qorannoo kanaa, diraamaan Kiyyoo daawwattoota diraamichaaf yookaan hawaasichaaf dhaamsa hedduu kennera. Ergaawwan kunneenis haaloon yookaan gumaan miidhaa dabalaa deemuu malee faayidaa akka hinqabne, achuma keessatti gama hawaasa Oromootiin gumaan kun akkamiin akka hiikamu uummata bal'aa biraan gahuu isaati. Dabalataan Ergaawwan xixiqqoon jaargocha diraamichaa gara fuulduraatti deemsisan kanneen akkahawaasummaa, dinagdee, jaalala, falaasama uummata Oromoo, inaaffaa, kan kana fakkaatan fa’a xiinxalamaniiru. Kana malees eenyummaan karaa garaagaraan ibsamuu xiinxalameera. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Diraamaa Kiyyoo en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account