Abstract:
Qorannoon kun asoosamoota Afaan Oromoon bareeffamanii jiran keessaa asoosama dheeraa
Kudhaama Jaalala irratti Ija yaadiddama xiinsammuutiin xiinxaluun dhiheessuudha. Ka`umsi
qorannichaas qorannoon kallattii garaagaraatiin ogbarruu Oromoo irratti hojjatamuu guddina
ogbarruu Oromootiif gumaacha guddaa waan godhuuf yaaxinna adda addaan hojjetamaniiru.
Haata’umalee, qorannoowwan hojjeetman hundii asoosamoota Afaan Oromoo bu’uursa
yaadxinalee ogbarruutiin guutummaan guutuutti xiinxalaniiru jechuu miti. Qorattuunis, kanuma
bu’uura godhachuun asoosamoota Afaan Oromoon barreeffamanii jiran keessaa sakkatta`uun
asoosamni Kudhaama Jalaalaa xiinxalamuu irratti qaawwa waan qabuuf xiinxalteerti.
Kanaafuu, asoosama eeramee kana xiinxaluun qaawwa gamaa kanan jiruu duuchuun gumaacha
guddina ogbarruu Oromoof ta`u keessaatti qooda ba`achuuf akka ta`ee eerteerti.Galma gahinsa
kaayyoo qorannoo kanaaf saxaxni filatamee saxaxa ibsaa ta`ee gosti qorannichaas qorannoo
qulqulleeffataati.Maddi ragaa qorannoo kanaaf hojiirra oolee madda raga tokkoffaati. Kunis,
akaakuu iddatteessuu miti carraa keessaa iddatteessuu kaayyeeffataa gargaaramuun
gaggeesitee jirti. Sababni malli kun filatameefis, asoosamoonni Afaan Oromootiin barreeffaman
hedduu waan ta’aniif hunda isaanii altokkotti xiinxaluun ulfaatadha. Kana jechuun immoo yeroo
bal’aa, humnafi baasii olaanaa waan gaafatuuf kana xiqqeessuuf asoosamoota afaan Oromoon
barreeffamanii jiran keessaa asoosama kudhaama jalaalaa qofa xiinxalte.Malli funaansa
ragaalee qorannichaa asoosamuma eerame kana irra deddeebi`uun dubbisuun haala cheekliistii
qopha`een odeeffannoowwan tartibeeffamu.Haaluma kanan tooftaa xiinxala ragaalee
qorannichaaf fudhatamee xiinxala barruu fayyadamtee gaggeesitee jirti. Akka bu`aan qorannoo
kana irraa argamee ibsuutti asoosama filatame kana keessatti dhimmoota sammuu riphaafi
fedhii dhala namaa ta`an kanneen akka kutaa Id, superegofi ego ibsan dhiheessuu isaa qorannoo
kanan bira ga`ameera. Ittisa fedhiwwan riphaan walqabatee hawaasummaa, dinagdee,
jalaalaafi kanneen biroo keessatti walittii dhufeenyaa maatii, jalaalleewwanii, michuu gaarii fa`i
akka eeguu adda ba`eera.Kanamalees, calaqqeewwan abjuu kanneen akka yaada, miira,
fakkiwwanfi kkf` calaqisiifaman qorannoo kanan ifoomeera. Gama biran immoo, namfakkiileen
dhimmoota hawaasa bu`uura xiinsmmuun ibsaman kanneen akka hinaaffaa, gadda, obsafikkf
adda ba`eera.Kanaafuu, qorattootni biroon osoo asoosama kanarratti qorannoo isaanii
fayyadama jechootaa jedhuun gaggeessani bu’aa qabeessa ta’uu isaanii amantee kallatti gara
fuulduraa keessatti eertee jirti.